‏ Proverbs 12

1Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata;
kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.
2Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata;
Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura.

3Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu;
qajeelaan garuu hin buqqifamu.

4Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;
niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.

5Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha;
gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.

6Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf

riphee nama eeggata;
haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.

7Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman;
manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.

8Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama;
namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.

9Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko,
nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.

10Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada;
hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.

11Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;
kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.

12Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu;
hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.

13Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama;
namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.

14Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama;
hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.

15Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;
namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.

16Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama;
namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.

17Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna;
dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.

18Dubbiin of eeggannaa hin qabne

akkuma goraadee nama waraana;
arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.

19Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;
arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.

20Garaa warra waan hamaa malatanii keessa

gowwoomsaatu jira;
warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.

21Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu;
hamoonni rakkinaan guutamu.

22 Waaqayyo arraba sobu ni jibba;
warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.

23Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata;
gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.

24Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;
dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.

25Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa;
dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.

26Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa;
karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.

27Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu;
kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.

28Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira;
daandii sana irra duuti hin jiru.
Copyright information for GazHAHl