‏ Proverbs 13

1Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa;
qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.

2Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada;
namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata.

3Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata;
kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.

4Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu;
fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.

5Namni qajeelaan soba jibba;
namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida.

6Qajeelummaatu nama tolaa tiksa;
hamminni garuu cubbamaa galaafata.

7Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu;
tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba.

8Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa;
hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu.

9Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa;
ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama.

10Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu
warra gorsa dhagaʼan biratti argamti.

11Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada;
namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.

12Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa;
hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.

13Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida;
kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata.

14Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti;
kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.

15Hubannaan gaariin surraa argamsiisa;
karaan warra hin amanamnee garuu

badiisatti isaan geessa.

16Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta;
gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa.

17Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena;
ergamaan amanamaan garuu fayyina fida.

18Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas;
kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata.

19Hawwiin guutame namatti miʼaawa;
gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu.

20Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa,
michuun gowwootaa garuu ni miidhama.

21Wanni hamaan cubbamoota ariʼata;
badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti.

22Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa;
qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama.

23Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa;
murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa.

24Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba;
kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.

25Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata;
garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.
Copyright information for GazHAHl