Proverbs 16
1Karoorri garaa kan namaa ti;deebiin arrabaa garuu Waaqayyo biraa dhufa.
2Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata;
yaada namaa garuu Waaqayyotu madaala.
3Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu;
karoorri kees siif milkaaʼa.
4 Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta;
hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.
5Namni of tuulu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha;
dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.
6Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata;
Waaqayyoon sodaachuudhaanis hammina irraa cita.
7Yoo karaan namaa Waaqayyoon gammachiise,
inni akka diinonni isaas nagaan isa wajjin jiraatan ni godha.
8Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa
waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
9Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata;
Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
10Hidhiin mootii hooda dubbata;
afaan isaa illee murtii hin jalʼisu.
11Madaallii fi safartuun qajeelaan kan Waaqayyoo ti;
ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti.
12Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf
mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu.
13Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu;
isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.
14Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti;
namni ogeessi garuu ni qabbaneessa.
15Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira;
surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti.
16Ogummaa argachuun warqee caala;
hubannaa argachuunis meetii caala!
17Daandiin nama tolaa hammina irraa fagoo dha;
namni karaa isaa eegus jireenya isaa eeggata.
18Of tuuluun badiisaan dura,
of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
19Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa,
hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.
20Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa;
kan Waaqayyoon amanatus eebbifamaa dha.
21Namni garaadhaan ogeessa taʼe qalbeeffataa jedhama;
dubbiin miʼaawu immoo gorsa dabala.
22Hubannaan nama isa qabuuf madda jireenyaa ti;
gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fida.
23Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha;
afaan isaas gorsa dabala.
24Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti;
inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
25Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira;
dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
26Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu
hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima.
27Namni faayidaa hin qabne hammina malata;
haasaan isaas akkuma ibidda waa gubuu ti.
28Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo
michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.
29Namni jeequmsaan deemu ollaa isaa gowwoomsee
karaa jalʼaatti isa geessa.
30Namni ija qisu jalʼina karoorfata;
kan hidhii ciniinnatu immoo hammina fida.
31Arriin gonfoo ulfinaa ti;
innis karaa qajeelaadhaan argama.
32Goota waraanaa irra nama obsa qabu,
nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
33Ixaan gudeeda irratti buufama;
murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Waaqayyo biraa dhufa.
Copyright information for
GazHAHl