Proverbs 18
1Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa;murtii dhugaa hundaanis ni morma.
2Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;
garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
3Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa;
salphinnis qaanii wajjin dhufa.
4Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha;
burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.
5Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne
murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.
6Hidhiin gowwaa lola fida;
afaan isaas rukutamuu itti waama.
7Afaan gowwaa badiisa isaa ti;
hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.
8Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;
gara kutaa garaattis gad buʼa.
9Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,
obboleessa nama waa balleessuu ti.
10Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha;
namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
11Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;
isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
12Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;
gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
13Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,
gowwummaa fi qaanii dha.
14Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;
hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?
15Garaan nama hubataa beekumsa argata;
gurri ogeessaas waan kana barbaada.
16Kennaan abbicha kennuuf karaa bana;
fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.
17Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti,
namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata.
18Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa;
namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.
19Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata;
wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.
20Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa;
dubbii arraba isaatiinis ni guuta.
21Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;
warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
22Namni niitii argatu waan gaarii argata;
fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
23Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata;
sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.
24Namni michoota baayʼisu ni bada;
garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.
Copyright information for
GazHAHl