Proverbs 21
1Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka Waaqayyoo keessa jira;innis garuma fedhetti qajeelcha.
2Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata;
Waaqayyo garuu yaada namaa madaala.
3Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa,
waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
4Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa
kan hin qotaminii dha; innis cubbuu dhala.
5Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa;
namni ariifatu garuu ni hiyyooma.
6Qabeenyi arraba sobuun argamu,
urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti.
7Sababii isaan waan qajeelaa hojjechuu didaniif,
fincilli hamootaa isaanuma balleessa.
8Karaan nama balleessaa qabuu jalʼaa dha;
amalli nama qulqulluu garuu qajeelaa dha.
9Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa,
golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
10Namni hamaan jalʼina dharraʼa;
ollaan isaa gara laafina tokko iyyuu isa irraa hin argatu.
11Yeroo namni qoosu tokko adabamutti, wallaalaan ogummaa argata;
namni ogeessi yeroo gorfamutti beekumsa argata.
12Namni qajeelaan mana hamootaa qalbeeffatee ilaala;
hamootas ni balleessa.
13Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide,
innis ni iyya; deebiis hin argatu.
14Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa;
mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis dheekkamsa guddaa gab godha.
15Murtii qajeelaa kennuun qajeeltotaaf gammachuu kenna;
hamootatti immoo raafama fida.
16Namni karaa hubannaa irraa badu kam iyyuu
waldaa warra duʼaniitti dabalama.
17Namni qananii jaallatu ni deega;
kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu.
18Namni hamaan nama qajeelaadhaaf,
kan hin amanamne immoo nama tolaadhaaf furii taʼa.
19Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa,
gammoojjii keessa jiraachuu wayya.
20Mana nama ogeessaa keessa qabeenya gatii guddaatii fi zayitiitu jira;
gowwaan garuu waan qabu hunda nyaatee fixa.
21Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu,
jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.
22Namni ogeessi magaalaa nama jabaatti baʼee
daʼoo jabaa inni amanatu jalaa diiga.
23Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu,
balaa irraa of eega.
24Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;”
inni akka malee koora.
25Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef,
hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida.
26Inni guyyaa guutuu kajeela;
namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna.
27Aarsaan nama hamaa balfamaa dha;
yoos yoo inni yaada hamaadhaan dhiʼeesse hammam sana caalaa haa balfamu ree!
28Dhuga baatuun sobaa ni bada;
namni isa dhagaʼu kam iyyuus bara baraan bada.
29Namni hamaan ija jabaata;
namni tolaan garuu karaa isaa qajeelfata.
30Ogummaan, hubannaanii fi karoorri
Waaqayyoon mormee milkaaʼuu hin jiru.
31Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama;
moʼichi garuu kan Waaqayyoo ti.
Copyright information for
GazHAHl