‏ Proverbs 22

1Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha;
kabajamuunis meetii fi warqee caala.

2Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha:
Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha.

3Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata;
wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.

4Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun,
qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.

5Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira;
namni lubbuu isaa eeggatu garuu

waan kana irraa fagaatee jiraata.

6Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;
inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

7Sooressi hiyyeessa bulcha;
liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.

8Namni hammina facaasu rakkina haammata;
uleen aarii isaas ni hurraaʼaa.

9Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf
ofii isaatii ni eebbifama.

10Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa;
wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.

11Nama qulqullina garaa jaallatuu fi
dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.

12Iji Waaqayyoo xiyyeeffatee beekumsa ilaala;
inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa.

13Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira!
Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha.

14Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha;
namni dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru achi keessa buʼa.

15Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera;
uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.

16Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee
hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega.

Jechoota Soddomman Nama Ogeessaa

Jecha tokkoffaa

17Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu;
yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu;
18yoo ati qalbiitti qabattee

hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte
wanni kun nama gammachiisaatii.
19Akka abdiin kee Waaqayyo taʼuuf
ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa.
20Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi
beekumsaa siif hin barreessinee?
21Kanas ani akka ati warra si erganiif
deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi
dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii?

Jecha lammaffaa

22Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin;
rakkataas mana murtiitti hin cunqursin;
23 Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf;
jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii.

Jecha sadaffaa

24Nama dafee aaru michuu hin godhatin;
nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis

tokkummaa hin qabaatin;
25yoo kana goote karaa isaa baratta;
ofii kees kiyyootti galchita.

Jecha afraffaa

26Nama harka dhaʼee waadaa galu
yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin;
27yoo ati waan baaftu dhabde,
sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama.

Jecha shanaffaa

28Dhagaa daarii durii,
kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin.

Jecha jaʼaffaa

29Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee?
Inni fuula moototaa dura dhaabata;
fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.
Copyright information for GazHAHl