Proverbs 24
Jecha digdammaffaa
1Hamootatti hin hinaafin;garee isaanii taʼuus hin hawwin;
2garaan isaanii hammina malataatii;
hidhiin isaaniis rakkina odeessa.
Jecha digdamii tokkoffaa
3Manni ogummaadhaan ijaarama;hubannaadhaanis jabeeffamee dhaabama;
4kutaawwan isaas, beekumsaan, qabeenya gatii guddaatii fi
miidhagaadhaan guutamu.
Jecha digdamii lammaffaa
5Ogeessi humna guddaa qaba;beekaan namaa immoo jabina itti dabalata;
6waraana banuuf qajeelfama,
moʼannaa argachuudhaaf immoo gorsitoota hedduu si barbaachisa.
Jecha digdamii sadaffaa
7Gowwaa irraa ogummaan akka malee ol fagoo dha;inni karra duratti afaan isaa hin saaqqatu.
Jecha digdamii afraffaa
8Namni hammina malu,“Maltee” jedhama.
9Malli gowwummaa cubbuu dha;
namoonnis qoostuu ni balfu.
Jecha digdamii shanaffaa
10Ati yoo gaafa rakkinaa laafte,jabinni kee dhugumaanuu xinnaa dha!
11Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi;
warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi.
12Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette,
inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu?
Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu?
Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?
Jecha digdamii jaʼaffaa
13Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu;nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa.
14Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki;
ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda;
abdiin kees hin citu.
Jecha digdamii torbaffaa
15Akka nama seeraan hin bulleetti mana nama qajeelaa riphxee hin eeggatin;mana jireenya isaas hin saamin.
16Namni qajeelaan yeroo torba kufu iyyuu, deebiʼee ni kaʼaatii;
namni hamaan garuu yeroo balaan itti dhufutti ni gufata.
Jecha digdamii saddeettaffaa
17Yeroo diinni kee kufutti hin ililchin;yeroo inni gufatuttis garaan kee hin gammadin;
18yoo kanaa achii Waaqayyo waan kanatti ni gaddaatii;
dheekkamsa isaas isa irraa deebisa.
Jecha digdamii saglaffaa
19Ati sababii jalʼootaatiif aariidhaan hin gubatin;hamootattis hin hinaafin.
20Namni jalʼaan fuul duratti abdii hin qabuutii;
ibsaan hamootaas ni dhaama.
Jecha soddommaffaa
21Yaa ilma ko, Waaqayyoo fi mootii sodaadhu;finciltootattis hin makamin;
22badiisni akkuma tasaa isaanitti dhufaatii;
balaa isaan lachuu fidan eenyutu beeka?
Jecha Ogeessaa Kan Itti Fufe
23Kunneenis jechoota ogeessaa ti: Murtii kennuu irratti nama wal caalchisuun gaarii miti:24Kan nama yakka qabuun, “Ati balleessaa hin qabdu”
jedhu kam iyyuu namni isa abaara; sabnis isa balaaleffata.
25Warri nama yakka hojjetu ifatan garuu ni gammadu;
eebbi guddaanis ni dhufaaf.
26Deebiin qajeelaan,
akkuma hidhii dhungachuu ti.
27Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii
lafa qotiisaa kees qopheeffadhu;
ergasii mana kee ijaarradhu.
28Sababii tokko malee ollaa keetti dhugaa hin baʼin
yookaan hidhii keetiin hin gowwoomsin.
29Ati, “Waanuma inni na godhe anis isa nan godha;
waan inni hojjeteefis gatii isaa nan deebisa” hin jedhin.
30Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee,
iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe;
31qoraattiin lafa hunda guuteera;
laftis aramaadhaan fudhatameera;
dallaan dhagaas diigameera.
32Ani argeen waan sana qalbeeffadhe;
waanan arge sana irraas barumsa nan argadhe:
33hirriba xinnaa; mugaatii xinnaa;
xinnoo harka walitti marachuu;
34hiyyummaanis akkuma hattuutti,
deegummaanis akkuma loltuu hidhateetti sitti dhufa.
Copyright information for
GazHAHl