Proverbs 26
1Akkuma cabbii yeroo bonaa yookaan bokkaa yeroo haamaa,nama gowwaaf ulfinni hin malu.
2Akkuma simbirri barriftu yookaan daaloteen barriftu
abaarsi sababii malee dhufu nama irra hin buʼu.
3Alangaan fardaaf, luugamni harreef,
uleen immoo dugda gowwaatiif mala!
4Gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti hin deebisin;
yoo akkas goote ati mataan kee iyyuu akkuma isaa taata.
5Gowwaadhaaf deebii gowwummaa isaatiif malu kenni;
yoo kanaa achii inni ogeessa of seʼaa.
6Harka nama gowwaatti ergaa ergachuun,
akkuma miilla ofii irraa muruu yookaan summii dhuguu ti.
7Afaan nama gowwaa keessatti,
fakkeenyi akkuma miilla naafaa ti.
8Namni gowwaadhaaf ulfina kennu,
akkuma nama furrisaatti dhagaa guduunfuu ti.
9Fakkeenyi afaan gowwaa keessatti
akkuma qoraattii harka nama machaaʼee keessaa ti.
10Namni gowwaa yookaan kara deemaa qaxaratu
akkuma adamsaa nama hunda xiyyaan madeessuu ti.
11Akkuma sareen diddiga isheetti deebitu sana,
gowwaan gowwummaa isaa irra deddeebiʼa.
12Ati nama akka ilaalcha ofii isaatti ogeessa taʼe argitaa?
Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
13Dhibaaʼaan, “Leenci karaa irra jira;
leenci sodaachisaan daandii irra jira!” jedha.
14Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu,
dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala
15Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa;
gara afaan isaatti deebifachuuf ni dhibaaʼa.
16Dhibaaʼaan namoota hubannaadhaan
deebii kennan torba caalaa ogeessa of seʼa.
17Namni lola nama biraa keessa seenu,
akkuma nama harkaan gurra saree qabuu ti.
18Akkuma maraatuu ibidda yookaan xiyya
namatti gad dhiisu tokkoo
19namni, “Ani nan qoose!” jedhee
ollaa isaa gowwoomsus akkasuma.
20Ibiddi yoo qoraan dhabe ni dhaama;
hamiin yoo hin jiraanne, lolli ni qabbanaaʼa.
21Akkuma cileen barbadaa ibiddaa bobeessee qoraan ibidda qabsiisu sana
namni lola jaallatu lola kakaasa.
22Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;
gara kutaa garaattis gad buʼa.
23Dubbiin gaariin garaa hamaa keessaa baʼu
akkuma okkotee meetiin irra dibamee ti.
24Namni maqaa namaa balleessu tokko arrabuma ofiitiin nama tolaa of fakkeessa;
garaa isaa keessatti immoo gowwoomsaa guduunfata.
25Yoo dubbiin isaa sitti miʼaawe iyyuu isa hin amanin;
wanni jibbisiisaan torba garaa isaa guuteeraatii.
26Jalʼinni isaa sobaan haguugamee dhokfamuu dandaʼa;
hamminni isaa garuu fuula waldaa duratti ifatti baʼa.
27Namni boolla qotu boolla keessa buʼa;
nama dhagaa gangalchus, dhagaan sun isumatti deebiʼa.
28Arrabni sobu tokko warruma miidhu sana jibba;
afaan saadu tokkos badiisa fida.
Copyright information for
GazHAHl