Proverbs 28
1Namni hamaan utuu namni tokko iyyuu isa hin ariʼin baqata;qajeeltonni garuu akkuma leencaa ija jabaatu.
2Biyya fincilu keessa bulchitoota hedduutu jira;
bulchaan hubataanii fi beekaan garuu seera eegsisa.
3Bulchaan hiyyeessa hacuucu tokko
akkuma bokkaa jabaa midhaan lafa irraa balleessuu ti.
4Warri seera didan hamoota jaju;
warri seera eegan garuu isaaniin mormu.
5Jalʼoonni murtii qajeelaa hin hubatan;
warri Waaqayyoon barbaadan immoo guutumaan guutuutti hubatu.
6Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa
hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya.
7Namni seera eegu ilma ogeessa;
michuun albaadhessaa immoo abbaa isaa qaanessa.
8Namni dhalaa fi hiiqiidhaan qabeenya isaa guddifatu kam iyyuu,
nama hiyyeessaaf garaa laafuuf walitti qaba.
9Nama seeraaf gurra kennuu didu kam iyyuu,
kadhannaan isaa balfamaa dha.
10Namni nama tolaa karaa jalʼaa irra adeemsisu kam iyyuu
kiyyoo ofii isaa keessa seena;
namni balleessaa hin qabne garuu dhaala gaarii argata.
11Namni sooressi ogeessa of seʼa;
hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa.
12Yeroo namni qajeelaan moʼatutti gammachuu guddaatu taʼa;
yeroo namni hamaan aangoo qabatutti garuu namoonni ni dhokatu.
13Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu;
kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
14Namni yeroo hunda Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha;
kan mataa jabaatu garuu rakkoo keessatti kufa.
15Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu,
akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti.
16Bulchaan akka malee nama cunqursu hubannaa hin qabu;
kan buʼaa karaa hin malleen argamu jibbu garuu bara dheeraa jiraata.
17Namni yakki dhiiga namaa dhangalaasuu isa irra jiru,
boollatti baqata;
namni tokko iyyuu isa hin gargaarin.
18Namni adeemsi isaa mudaa hin qabne nagumaan jiraata;
kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu boollatti kufa.
19Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;
kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hiyyumaan guutama.
20Namni amanamaan eebba quufa;
kan sooromuutti gaggabu garuu adabbii jalaa hin baʼu.
21Nama wal caalchisuun gaarii miti;
namni garuu muraa buddeenaa argachuuf jedhee yakka hojjeta.
22Namni waa kajeelu sooromuuf jarjara;
inni akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku.
23Namni nama ifatu dhuma irratti
nama arrabaan nama saadu caalaa surraa argata.
24Namni abbaa yookaan haadha isaa saamee,
“Kun balleessaa miti” jedhu
garee nama waa balleessuu ti.
25Namni wayitti gaggabu lola kakaasa;
kan Waaqayyoon amanatu garuu ni badhaadha.
26Namni of amanatu gowwaa dha;
kan ogummaadhaan deemu immoo nagaadhaan jiraata.
27Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu;
kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.
28Yeroo namni hamaan aangoo qabatutti namoonni ni dhokatu;
yeroo namni hamaan badutti garuu qajeeltonni ni baayʼatu.
Copyright information for
GazHAHl