Proverbs 31
Jecha Limuuʼel Mootichaa
1Jecha Lemuuʼeel mootichaa kan haati isaa isa barsiifte: 2“Maali yaa ilma ko, maali yaa ilma gadameessa ko,maali yaa ilma wareega ko,
3humna kee dubartoota irratti,
jabina kee warra mootota balleessan irratti hin fixin.
4“Yaa Lemuuʼeel, wanni kun moototaaf hin malu;
daadhii wayinii dhuguun moototaaf hin malu;
dhugaatii cimaatti gaggabuunis bulchitootaaf hin malu;
5kunis akka isaan dhuganii waan seerri jedhu dagatanii
warra hacuucaman hunda mirga isaanii hin dhowwanneef.
6Warra baduuf jiraniif dhugaatii cimaa,
warra jireenyi itti hadhaaʼeef daadhii wayinii kenni;
7isaan dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan;
rakkina isaaniis deebiʼanii hin yaadatin.
8“Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef,
mirga warra gatamaniitiifis falmi.
9Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni;
mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”
Xumura: Niitii Amala Gaarii Qabdu
10Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
11Dhirsi ishee guddisee ishee amanata;
inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
12Isheen bara jireenya ishee guutuu
waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.
13Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee
harka ishee kan hojii jaallatuun footi.
14Isheen akkuma doonii daldalaatti
lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.
15Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee
maatii isheetiif nyaata kenniti;
xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
16Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti;
waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.
17Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee
hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.
18Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti;
ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.
19Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira;
quba isheetiin immoo calii qabatti.
20Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti;
dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
21Yoo cabbiin buʼe illee isheen maatii isheetiif hin yaaddoftu;
isaan hundinuu uffata bildiimaa uffataniiruutii.
22Isheen wayyaa siree dhaʼatti;
uffata dhiilgee quncee talbaa haphii irraa hojjetames uffatti.
23Dhirsi ishee yommuu karra magaalaa dura,
jaarsolii biyyaa gidduu taaʼu ni kabajama.
24Isheen wayyaa quncee talbaa dhooftee gurgurti;
daldaltootaafis sabbata dhiʼeessiti.
25Isheen jabinaa fi ulfina uffatti;
bara dhufaa jiruttis kolfuu dandeessi.
26Afaan ishee ogummaadhaan banatti;
gorsi gara laafinaas arraba ishee irra jira.
27Isheen mana ishee toʼatti;
isheen buddeena dhibaaʼummaas hin nyaattu.
28Ijoolleen ishee kaʼanii, eebbifamtuu jedhuun;
dhirsi ishees akkasuma jedhaan; akkana jedhees ishee jaja:
29“Dubartoonni hedduun waan gaarii hojjetu;
ati garuu isaan hunda caalta.”
30Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba;
dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
31Buʼaa harka ishee kennaafii;
hojiin ishee karra magaalaa duratti ishee haa jaju.
Copyright information for
GazHAHl