‏ Psalms 100

Gorsa Galata Galchuu

Faarfannaa Galataa.

1Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa.
2Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa;
faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
3Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa;
isattu nu uume; nu kan isaa ti;
nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.

4Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,
jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;
isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
5 Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti;
amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
Copyright information for GazHAHl