Psalms 101
Bulchiinsa Qajeelaa
Faarfannaa Daawit. 1Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha;Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha.
2Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha;
ati yoom gara koo dhufta?
Ani garaa qulqulluudhaan,
mana koo nan jiraadha.
3Ani ija koo dura,
waan hamaa hin kaaʼu.
Hojii jalʼootaa nan jibba;
nattis hin qabatu.
4Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan;
ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu.
5Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu,
ani afaan nan qabachiisa;
nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf,
ani obsa hin qabaadhu.
6Akka isaan na wajjin jiraataniif,
iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti;
namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila.
7Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu
mana koo keessa hin jiraatu;
namni soba dubbatu tokko iyyuu
fuula koo dura hin dhaabatu.
8Ani jalʼoota biyyattii hunda,
ganama ganama nan barbadeessa;
warra waan hamaa hojjetan
magaalaa Waaqayyoo keessaa nan balleessa.
Copyright information for
GazHAHl