‏ Psalms 104

Ulfina Uumamaa

1Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.

Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha;
miidhaginaa fi surraa uffatteerta.

2Ati akkuma wayyaa ifa uffatta;
samiiwwanis akkuma dunkaanaa diriirsita.
3Dareeraa diinqa isaa bishaanota irra buufta.
Duumessoota gaarii isaa godhata;
qoochoo bubbee yaabbattee deema.
4Inni ergamoota isaa hafuurota,
tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha.

5Inni lafa hundee ishee irra dhaabeera;
isheenis gonkumaa hin sochootu.
6Ati akkuma wayyaatti tuujubaan ishee haguugde;
bishaanonnis tulluuwwanii ol dhaabatan.
7Ati ifannaan bishaanonni baqatan;
sagalee qaqawwee keetii dhageenyaan gugatan.
8Isaan tulluuwwan irraan dhangalaʼan;
gara iddoo ati isaanii qopheessitee,
gara sululootaatti gad yaaʼan.
9Akka isaan deebiʼanii lafa hin haguugneef
ati daarii isaan darbuu hin dandeenye isaan dura dhaabde.

10Akka burqaawwan sululoota keessa yaaʼan goota;
isaanis tulluuwwan gidduu yaaʼu.
11Isaan bineensota bakkee hundaaf bishaan kennu;
harroonni diidaas dheebuu baʼu.
12Simbirroonni samii bishaanota biratti mandhee ijaarratan;
dameewwan gidduutti ni faarfatan.
13Inni mana isaa kan olii irraa tulluuwwan bishaan obaafta;
laftis ija hojii keetiitiin quufti.
14Inni lafa irraa nyaata kennuuf jedhee looniif marga,
faayidaa namaatiif immoo biqiltuuwwan biqilcha;
15akka daadhiin wayinii garaa nama gammachiisu,
akka zayitiin fuula nama cululuqsuu fi
akka midhaan nama jajjabeessu ni goota.
16Mukkeen Waaqayyoo,
birbirsi Libaanoon kan inni dhaabe sun bishaan quufaniiru.
17Simbirroonni achitti mandhee isaanii ijaarratu;
huummoonis birbirsa irraa mana qabdi.
18Tulluuwwan dhedheeroon daʼoo reʼee diidaa ti;
holqi kattaawwanii immoo daʼoo osolee ti.

19Inni akka jiʼi waqtiilee gargar qoodu godha;
biiftuunis yeroo itti lixxu ni beekti.
20Ati dukkana uumta; halkanis ni taʼa;
bineensonni bosonaa hundis gad yaaʼu.
21Leenci saafelli waan nyaatu barbaadee aada;
nyaata isaas Waaqa bira barbaada.
22Isaan yommuu biiftuun baatutti walitti qabamu;
dachaʼaniis goda isaanii keessa ciciisu.
23Namni gara hojii isaatti,
hamma galgalaattis gara jiruu isaatti ni baʼa.

24Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam baayʼee dha!
Ati hunda isaanii ogummaadhaan hojjette;
laftis uumamawwan keetiin guutamte.
25Galaanni guddaa fi balʼaan kun,
uumamawwan hamma hin qabneen guutame;
kan lubbuu qabeeyyiin gurguddaa fi

xixinnoon keessa jiraatan kuunnoo jira.
26Dooniiwwan as irra deddeebiʼu;
lewaataan kan akka inni achi keessa

taphatuuf ati uumtes achi jira.

27Akka ati nyaata isaanii yeroo barbaachisuutti isaaniif kennituuf,
isaan hundi si eeggatu.
28Yeroo ati isaaniif kennitutti,
isaan walitti qabatu;
yeroo ati harka kee balʼiftutti,
isaan waan gaarii quufu.
29Yeroo ati fuula kee dhokfattutti,
isaan ni naʼu;
yeroo ati hafuura isaanii fudhattutti,
isaan duʼanii biyyootti deebiʼu.
30Yeroo ati Hafuura kee ergitutti isaan ni uumamu;
atis fuula lafaa ni haaromsita.

31Ulfinni Waaqayyoo bara baraan haa jiraatu;
Waaqayyo hojii isaatti haa gammadu;
32inni ilaallaan lafti hollatte;
inni tuqnaan tulluuwwan keessaa aarrii baʼe.

33Bara jireenya koo guutuu ani Waaqayyoof nan faarfadha;
hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan

Waaqa koo nan galateeffadha.
34Irra deddeebiʼee yaaduun koo isa haa gammachiisu;
ani Waaqayyotti nan gammadaatii.
35Cubbamoonni lafa irraa haa badan;
hamoonnis siʼachi hin jiraatin.

Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi.

Haalleluuyaa.
Copyright information for GazHAHl