‏ Psalms 105

Seenaa Israaʼel Isa Dinqisiisaa

105:1‑15 kwf – 1Sn 16:8‑22

1 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;
waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
2Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;
waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
3Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;
garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
4 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.

5Dinqii inni hojjete,
hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
6isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan,
isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
7Inni Waaqayyo Waaqa keenya;
murtiin isaas lafa hunda irra jira.

8Inni kakuu isaa bara baraan,
waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
9inni kakuu Abrahaam wajjin gale,
kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
10Kanas Yaaqoobiif seera,
Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee

akkana jedhee mirkaneesseera:
11“Ani biyya Kanaʼaan
qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.”

12Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,
dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis

keessummoota turanitti,
13sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara
mootummaa biraatti jooran.
14Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;
sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
15“Dibamtoota koo hin tuqinaa;
raajota koos hin miidhinaa.”

16Inni beela biyyattiitti waame;
midhaan nyaataa hundas ni balleesse;
17innis Yoosef namicha akka garbaatti
gurgurame tokko isaan dura erge.
18Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan;
mormi isaas sibiila keessa galfame;
19hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamutti
dubbiin Waaqayyoo isa qore.
20Mootiin nama ergee gad isa dhiisise;
bulchaan sabaa isa hiiksise.
21Mootichis mana isaa irratti ajajaa,
qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate;
22kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf,
akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe.

23Israaʼel biyya Gibxi dhaqe;
Yaaqoobis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate.
24 Waaqayyo saba isaa akka malee baayʼise;
akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe;
25innis akka isaan saba isaa jibbanii fi
akka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare.
26Waaqnis Musee tajaajilaa isaatii fi
Aroon filatamaa isaa erge.
27Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa,
biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan.
28Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse;
isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.
29Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddaree
akka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe.
30Fatteen biyya isaanii guutee
diinqa mootota isaanii keessa yaaʼe.
31Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fi
bookeen biyya isaanii hunda keessa guutte.
32Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse;
bakakkaas biyya isaaniitti erge;
33wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse;
mukkeen biyya isaaniis ni caccabse.
34Inni dubbannaan hawwaannisnii fi
korophisni hedduun dhufan;
35isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan;
waan lafti isaanii baases ni fixan.
36Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda,
jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe.

37Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe;
gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne.
38Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan;
isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii.
39Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe;
akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.
40Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef;
buddeena samiitiinis isaan quufse.
41Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe;
akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.

42Inni waadaa isaa qulqulluu,
kan garbicha isaa Abrahaamiif gale sana yaadateeraatii.
43Inni saba isaa gammachuun,
warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera;
44inni biyya ormootaa isaaniif kenne;
isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan;
45kanas akka isaan sirna isaa eeganii
seera isaatiif bulaniif godhe.

Haalleluuyaa.
Copyright information for GazHAHl