Psalms 106
Uummanni Cubbuu Isaa Himate
106:1,47‑48 kwf – 1Sn 16:34‑36
1Haalleluuyaa.Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2Eenyutu hojii Waaqayyoo jabaa sana labsuu,
yookaan galata isaa guutummaatti odeessuu dandaʼaa?
3Warri jabeessanii murtii qajeelaa eegan,
warri yeroo hunda waan qajeelaa hojjetan eebbifamoo dha.
4Yaa Waaqayyo, yommuu saba keetti faara toltutti na yaadadhu;
yommuu isaan oolchituttis na gargaari;
5akka ani badhaadhummaa filatamtoota keetii arguuf,
akka ani gammachuu saba keetii keessatti hirmaadhee
dhaala kee wajjin boonuuf na yaadadhu.
6Nu akkuma abbootii keenyaa cubbuu hojjenneerra;
yakka hojjenneerra; hamminas hojjenneerra.
7Abbootiin keenya yeroo biyya Gibxi keessa turanitti,
dinqii kee hin hubanne;
baayʼina araara keetiis hin yaadanne;
isaan galaana biratti, Galaana Diimaa biratti sitti fincilan.
8Taʼus inni akka humni isaa guddaan sun beekamuuf,
maqaa isaatiif jedhee isaan oolche.
9Inni Galaana Diimaa ifate; galaanichis ni goge;
akkuma waan gammoojjii keessa dabarsuutti lafa gogaa irra isaan dabarse.
10Harka amajaajii isaanii keessaa isaan baase;
humna diinaa jalaas isaan fure.
11Bishaanonni diinota isaanii liqimsan;
tokkoon isaanii iyyuu hin hafne.
12Ergasii isaan dubbii isaa amananii
faarfannaadhaan isa galateeffatan.
13Isaan garuu yommusuma waan inni hojjetee ture dagatan;
gorsa isaas obsaan hin eegganne.
14Gammoojjii keessatti dharraa hamaadhaan guutaman;
lafa onaa keessattis Waaqa qoran.
15Kanaafuu inni waan isaan kadhatan kenneef;
garuu dhukkuba nama huqqisu isaanitti erge.
16Isaan qubata keessatti Musee fi
Aroon qulqullicha Waaqayyootti hinaafan.
17Lafti afaan banattee Daataanin liqimsite;
garee Abiiraamis gad fudhatte.
18Duuka buutoota isaanii gidduutti ibiddi bobaʼe;
arrabni ibiddaas hamoota fixe.
19Isaan Kooreebitti jabbii tolfatan;
fakkii baqfamee tolfames waaqeffatan.
20Isa Ulfina isaanii taʼe sana,
fakkii sangaa marga dheeduutti geeddaran.
21Waaqa isaan fayyise,
isa biyya Gibxitti waan gurguddaa hojjete sana irraanfatan.
22Dinqii inni biyya Haam keessatti hojjete,
hojii sodaachisaa inni Galaana Diimaa irratti hojjetes ni irraanfatan.
23Kanaafuu utuu filatamaan isaa Museen
akka dheekkamsi Waaqaa isaan hin balleessineef
gidduu galee fuula isaa dura dhaabachuu baatee silaa
Waaqni akka isaan balleessu dubbatee ture.
24Isaanis biyya namatti tolu sana tuffatan;
waadaa Waaqni gales hin amanne.
25Dunkaanota isaanii keessatti ni guunguman;
Waaqayyoofis hin ajajamne.
26Kanaafuu inni akka gammoojjii keessatti
isaan gatu harka isaa ol qabatee kakate;
27sanyii isaanii akka saboota gidduutti gatu,
biyyoota hunda keessas akka isaan bittinneessu kakate.
28Isaan Baʼaal Pheʼooritti of kennanii
aarsaa waaqota lubbuu hin qabneef dhiʼeeffame nyaatan.
29Hojii isaanii hamaa sanaan Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan;
dhaʼichis isaan irra buʼe.
30Garuu Fiinehaas kaʼee gidduu seennaan
dhaʼichi sun dhaabate.
31Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti,
akka qajeelummaatti isaaf herregame.
32Isaan bishaan Mariibaa biratti akka Waaqayyo aaru godhan.
Museenis sababii isaaniitiif rakkate;
33sababii isaan Hafuura Waaqaatti fincilaniif
Museen utuu itti hin yaadin dubbate.
34Isaan akka Waaqayyo isaan ajajetti,
saboota hin balleessine;
35isaan garuu ormootatti makamanii
duudhaa isaanii baratan.
36Waaqota isaanii tolfamoo,
kanneen kiyyoo isaanitti taʼan waaqeffatan.
37Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii
aarsaa godhanii hafuurota hamoof dhiʼeessan.
38Isaanis dhiiga warra balleessaa hin qabnee,
dhiiga ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii,
kan waaqota tolfamoo Kanaʼaaniif
aarsaa godhanii dhiʼeessan sana dhangalaasan;
biyyattiinis dhiiga isaaniitiin faalamte.
39Isaan waanuma hojjetaniin of xureessan;
hojii isaaniitiin sagaagaltoota of taasisan.
40Kanaafuu Waaqayyo saba isaatti aare;
handhuuraa isaas ni balfe.
41Inni dabarsee ormootatti isaan kenne;
amajaajonni isaaniis of jalatti isaan bulchan.
42Diinonni isaanii isaan cunqursan;
humna isaanii jalas isaan galfatan.
43Inni yeroo baayʼee isaan baraare;
isaan garuu ittuma fufanii fincilan;
ittuma caalchisaniis cubbuu hojjetan.
44Inni garuu yommuu iyya isaanii dhagaʼetti,
rakkina isaanii hubate;
45isaaniif jedhee kakuu isaa yaadate;
sababii jaalala isaa guddaa sanaatiif garaa laafeef.
46Inni akka warri isaan boojiʼan hundinuu
garaa isaaniif laafaniif godhe.
47Yaa Waaqayyo, Waaqa keenya nu oolchi;
akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf,
akka galata keetiin of jajnuufis,
ormoota keessaa walitti nu qabi.
48 Waaqayyo, Waaqa Israaʼeliitiif,
bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu.
Namni hundinuu “Ameen!” haa jedhu.
Haalleluuyaa!
Copyright information for
GazHAHl