Psalms 107
Kitaaba Shanaffaa
Faarfannaa 107–150
Waaqa Rakkina Hunda Keessaa Nama Baasu
1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2Warri Waaqayyo isaan fure,
warri inni harka diinaatii baase,
3warri inni biyya gara garaatii,
baʼaa fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa walitti qabe waan kana haa dubbatan.
4Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran;
magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne.
5Isaan ni beelaʼan; ni dheebotanis;
lubbuun isaaniis isaan keessatti gaggabde.
6Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan;
innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
7Inni hamma isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan gaʼanitti
karaa qajeelaa irra isaan qajeelche.
8Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi
hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
9inni warra dheebotan dheebuu baasee
warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.
10Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa,
dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan;
11isaan dubbii Waaqaatti fincilanii
gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii.
12Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne;
isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne.
13Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan;
innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
14Inni dukkanaa fi dimimmisa keessaa isaan baase;
foncaa isaanis gargar kukkute.
15Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi
hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
16inni balbalawwan naasii caccabsee
danqaraawwan sibiilaa illee kukkutaatii.
17Isaan keessaa tokko tokko cubbuu mataa isaaniitiin gowwooman;
sababii balleessaa isaaniitiifis gadadoo keessa seenan.
18Isaan nyaata gosa kamii iyyuu balfanii
afaan boolla duʼaa gaʼan.
19Rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan;
innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
20Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise;
awwaala keessaas isaan baase.
21Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi
hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif, Waaqayyoon haa galateeffatan!
22Aarsaa galataa haa dhiʼeessan;
faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan.
23Isaan keessaa tokko tokko dooniidhaan galaana irra deemanii
bishaanota gurguddaa irratti daldalan.
24Isaanis hojii Waaqayyootii fi
hojii isaa dinqisiisaa sana tuujuba keessatti argan.
25Inni dubbatee bubbee jabaa
dambalii galaanaa ol fuudhu tokko kaaseeraatii.
26Isaan samiitti ol baʼanii tuujubatti gad buʼan;
rakkina isaanii keessattis abdii kutatan.
27Akka nama machaaʼee daddarbatamanii gatantaran
ogummaan isaanis faayidaa dhabe.
28Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan;
innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
29Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf
dhaʼaa galaanaa calʼisiise.
30Isaan waan dambalii fi dhaʼaan galaanaa sun calʼisaniif ni gammadan;
haala kanaanis gara qubata doonii barbaadaniitti isaan geesse.
31Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi
hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan.
32Waldaa namootaa keessatti isa haa leellisan;
wal gaʼii maanguddootaa keessattis isa haa jajan.
33Innis lagoota gammoojjii taasisee
burqaawwan bishaanis gara lafa goggogaatti geeddare;
34sababii hammina warra achi jiraataniitiif,
biyya midhaan baasu lafa soogiddaa taasise.
35Gammoojjii kuusaa bishaaniitti,
lafa goggogaa immoo burqaa bishaaniitti geeddare;
36inni akka warri beelaʼan achi jiraatan godhe;
isaanis magaalaa keessa jiraatan ijaarratan.
37Lafa qotiisaa isaanii facaafatanii wayiniis ni dhaabbatan;
midhaan gaariis argatan.
38Inni isaan eebbise; baayʼina isaaniis akka malee dabale;
akka loon isaanii lakkoobsaan yarachaa deeman hin goone.
39Yeroo isaan cunqursaadhaan, rakkinaa fi
gaddaan xinnaatanii gad deebiʼanitti,
40inni namoota bebeekamoo irratti tuffii roobsee
akka isaan gammoojjii karaa hin qabne keessa jooran godhe.
41Inni garuu rakkattoota dhiphina isaanii keessaa baase;
maatii isaanis akkuma bushaayee baayʼise.
42Qajeeltonni waan kana arganii ililchu;
hamoonni hundinuu garuu afaan qabatu.
43Ogeessi kam iyyuu waan kana yaadatti haa qabatu;
jaalala Waaqayyoo kan dhuma hin qabne sana illee haa hubatu.
Copyright information for
GazHAHl