Psalms 109
Kadhannaa Haaloo Baasuuf Dhiʼaate
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqa ani galateeffadhuati hin calʼisin;
2namoonni hamoonnii fi gowwoomsitoonni,
afaan isaanii natti banatanii jiruutii;
isaan arraba sobaatiin maqaa na balleessaniiru.
3Isaan dubbii jibbaatiin na marsan;
sababii tokko malees na lolan.
4Utuma ani isaan jaalladhuu na himatan;
ani garuu nan kadhadha.
5Qooda waan gaarii hammina,
qooda jaalala koo immoo jibba naa deebisan.
6Akka inni isa mormuuf nama itti ramadi;
seexannis karaa mirga isaa haa dhaabatu.
7Yommuu qoratamutti isatti haa muramu;
kadhannaan isaas cubbuu isatti haa taʼu.
8Umuriin isaa haa gabaabbatu,
aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.
9Ijoolleen isaa abbaa malee haa hafan;
niitiin isaas haadha hiyyeessaa haa taatu.
10Ijoolleen isaa kadhattoota asii fi achi jooran haa taʼan;
mana isaanii diigamaa keessaa illee haa ariʼaman.
11Waan inni qabu hunda namni isa irraa liqii qabu haa fudhatu;
buʼaa dadhabbii isaa illee karaa adeemtonni haa saaman.
12Namni tokko iyyuu isaaf hin naʼin,
yookaan ijoollee isaa kanneen abbaa hin qabneef garaa hin laafin.
13Sanyiin isaa haa dhumu;
maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa haa balleeffamu.
14Balleessaan abbootii isaa fuula Waaqayyoo duratti haa yaadatamu;
cubbuun haadha isaas hin haqamin.
15Akka inni seenaa isaanii lafa irraa balleessuuf,
cubbuun isaanii yeroo hunda fuula Waaqayyoo dura haa jiraatu.
16Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota,
warra garaan isaanii madaaʼes hamma duʼaatti gugse malee
garaa isaaniif laafuu hin yaadneetii.
17Inni abaaruu jaallate;
abaarsi sun isumatti haa deebiʼu;
inni eebbisuu hin jaallanne;
eebbis isa irraa haa fagaatu.
18Inni akkuma uffata isaatti abaarsa uffata;
abaarsis akkuma bishaanii dhagna isaa seena;
akkuma zayitiis lafee isaa lixa.
19Abaarsi sun akkuma uffata inni ittiin of haguuguu,
sabbata inni yeroo hunda hidhatuus isatti haa taʼu.
20Kaffaltiin Waaqayyo warra na himatanii fi
warra jireenya koo irratti waan hamaa dubbataniif kaffalu kanuma haa taʼu.
21Yaa Waaqayyo Gooftaa,
ati garuu maqaa keetiif jedhii na gargaar;
gaarummaa jaalala keetiitiif jedhiitii na oolchi.
22Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii;
garaan koos na keessatti madaaʼeera.
23Ani akkuma gaaddidduu galgalaa badeera;
akkuma hawwaannisaas olii gad oofameera.
24Jilbi koo soomuudhaan dadhabeera;
dhagni koos huqqatee lafeetti baʼeera.
25Ani warra na himatan biratti waan tuffii taʼeera;
isaan yommuu na argan mataa isaanii raasu.
26Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na gargaari;
akkuma jaalala keetiittis na oolchi.
27Yaa Waaqayyo, akka wanni kun harka kee taʼe,
akka ati waan kana hojjette isaan haa beekan.
28Isaan ni abaaru; ati garuu ni eebbifta;
yommuu natti kaʼan isaan ni qaanaʼu;
tajaajilaan kee garuu ni gammada.
29Himattoonni koo salphina haa uffatan;
akkuma nama waaroo uffatuutti qaaniidhaan haa haguugaman.
30Ani afaan kootiin guddisee Waaqayyoon nan galateeffadha;
waldaa guddaa gidduuttis isa nan jajadha.
31Innis warra lubbuu isaatti muran jalaa isa baasuuf jedhee,
karaa harka mirga rakkataatiin dhaabataatii.
Copyright information for
GazHAHl