Psalms 112
Eebbifamuu Nama Qajeelaa
1Haalleluuyaa.Namni Waaqayyoon sodaatu,
kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
2Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa;
dhaloonni tolootaa ni eebbifama.
3Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira;
qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
4Nama tolaa fi arjaadhaaf,
gara laafessaa fi qajeelaaf, dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa.
5Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf,
nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.
6Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu;
namni qajeelaan bara baraan yaadatama.
7Inni oduu hamaa hin sodaatu;
garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan jabaatee dhaabata.
8Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus;
dhuma irrattis diinota isaa moʼata.
9Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne;
qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata;
gaanfi isaas ulfinaan ol qabama.
10Namni hamaan waan kana argee aara;
ilkaan isaa qara; baqees ni bada;
hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa.
Copyright information for
GazHAHl