Psalms 115
Waaqa Dhugaa Tokkicha
115:4‑11 kwf – Far 135:15‑20
1Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti;garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii
maqaa keetiif ulfina kenni.
2Saboonni maaliif,
“Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu?
3Waaqni keenya samii keessa jira;
inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
4Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fi
warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
5Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;
ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
6gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;
funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
7harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan;
miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan;
laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.
8Warri isaan tolchan
kanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
9Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu;
inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
10Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu;
inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
11Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa;
inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
12 Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas;
inni mana Israaʼel ni eebbisa;
mana Aroonis ni eebbisa;
13inni warra Waaqayyoon sodaatan,
xinnaas guddaas ni eebbisa.
14 Waaqayyo, isinii fi
ijoollee keessan haa baayʼisu.
15 Waaqayyo samii fi
lafa Uume sun isin haa eebbisu.
16Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti;
lafa garuu inni namaaf kenneera.
17Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼan
Waaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan;
18nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan
Waaqayyoon ni eebbifna.
Haalleluuyaa.
Copyright information for
GazHAHl