Psalms 119
Seera Waaqaa Jajachuu
א Aleef
1Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne,kanneen akka seera Waaqayyootti jiraattan eebbifamoo dha.
2Warri ajajawwan isaa eegan,
kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
3Isaan balleessaa hin hojjetan;
karaa isaa irras ni deemu.
4Akka Seerri kee amanamummaadhaan
eegamuuf ati ajajjeerta.
5Akka ani ajaja kee eeguuf
utuu karaan koo naa qajeelee jiraatee!
6Ani utuun ajajawwan kee hunda xiyyeeffadhee ilaalee
silaa hin qaanaʼun ture.
7Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti,
garaa tolaadhaan sin galateeffadha.
8Ani sirna keetiif nan bula;
ati gonkumaa na hin dhiisin.
ב Beet 9Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?
Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
10Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;
akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
11Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,
dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.
12Yaa Waaqayyo, galanni siif haa taʼu;
sirna kee na barsiisi.
13Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa,
afaan kootiin nan dubbadha.
14Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu,
ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.
15Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada;
karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
16Ani sirna keetti nan gammada;
dubbii kees hin dagadhu.
ג Giimeel 17Akka ani jiraadhuu fi dubbii kee eeguuf,
garbicha keetiif waan gaarii godhi.
18Akka ani seera kee keessatti
waan dinqisiisaa arguuf, ija koo naa bani.
19Ani lafa irratti keessummaa dha;
ajajawwan kee na duraa hin dhoksin.
20Lubbuun koo yeroo hunda
seera kee hawwuudhaan, laafaa jirti.
21Ati of tuultota warra abaaramoo,
kanneen ajajawwan kee irraa jalʼatan ni ifatta.
22Waan ani seera kee eeguuf,
arrabsoo fi tuffii isaanii narraa fageessi.
23Bulchitoonni walii wajjin taaʼanii yoo maqaa na balleessan iyyuu,
tajaajilaan kee irra deddeebiʼee labsii kee ni yaada.
24Ajajni kee gammachuu koo ti;
gorsituu kootis.
ד Daalet 25Lubbuun koo biyyootti maxxante;
ati akkuma dubbii keetiitti na oolchi.
26Yeroo ani waaʼee karaa koo sitti himetti,
ati deebii naa kennite; sirna kees na barsiisi.
27Barsiisa seera keetii na hubachiisi;
anis irra deddeebiʼee dinqii kee nan yaada.
28Lubbuun koo gaddaan laafteerti;
ati akkuma dubbii keetiitti na jabeessi.
29Karaa sobaa irraa na fageessi;
arjumaadhaanis seera kee na barsiisi.
30Ani karaa dhugaa filadheera;
seera kees of dura kaaʼadheera.
31Yaa Waaqayyo, ani ajaja kee
jabeessee qabadheera; ati na hin qaanessin.
32Sababii ati hubannaa koo naa balʼifteef
ani daandii ajajawwan keetii irra nan fiiga.
ה Hee 33Yaa Waaqayyo, akka ani sirna kee duukaa buʼu na barsiisi;
anis hamma dhumaatti isa nan eega.
34Akka ani seera kee eegee garaa koo guutuun
isaaf ajajamuuf hubannaa naa kenni.
35Daandii ajajawwan keetii irra na deemsisi;
anis achitti gammachuu nan argadhaatii.
36Garaa koo gara ofittummaadhaan faayidaa argachuutti utuu hin taʼin,
gara sirna keetiitti naa deebisi.
37Ija koo waan faayidaa hin qabne irraa deebisi;
akkuma dubbii keetiittis na jiraachisi.
38Ati akka sodaatamtuuf,
waadaa kee garbicha keetiif guuti.
39Salphina ani sodaadhu narraa fageessi;
seerri kee gaariidhaatii.
40Kunoo, ani sirna kee nan hawwa;
qajeelummaa keetiin na jiraachisi.
ו Waw 41Yaa Waaqayyo, jaalalli kee kan hin geeddaramne sun,
fayyisuun kees akkuma dubbii keetiitti gara koo haa dhufu;
42yoos ani sababii dubbii kee amanadhuuf,
warra na arrabsaniif deebii kenna.
43Waan ani seera kee abdadheef,
ati dubbii dhugaa afaan koo keessaa hin balleessin.
44Bara baraa hamma bara baraatti,
ani yeroo hunda seera kee nan eega.
45Ani ajaja kee waanan barbaaduuf,
bilisummaadhaan nan deddeebiʼa.
46Ani waaʼee ajaja keetii mootota duratti nan dubbadha;
hin qaaneffamus;
47waan ani ajajawwan kee jaalladhuuf,
isaanitti nan gammada.
48Ani gara ajajawwan kee kanneen ani jaalladhu sanaatti harka koo ol nan fudhadha;
labsii kees irra deddeebiʼee nan yaada.
ז Zaayin 49Waadaa tajaajilaa keetiif seente sana yaadadhu;
ati isumaan abdii naa kenniteertaatii.
50Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana:
Waadaan kee na jiraachisa.
51Of tuultonni akkuma barbaadanitti natti qoosu;
ani garuu seera kee irraa hin jalʼadhu.
52Yaa Waaqayyo, ani seera kee durii sana nan yaadadha;
isa keessattis jajjabina nan argadha.
53Sababii hamoota warra seera kee dhiisaniitiif,
aariin na gugguba.
54Iddoo keessummummaa koo hundatti
seerri kee faarfannaa koo ti.
55Yaa Waaqayyo, ani halkan keessa maqaa kee nan yaadadha;
seera kees nan eega.
56Waan ani ajaja kee eegeef,
kun naaf taʼeera.
ח Heeti 57Yaa Waaqayyo, ati qooda koo ti;
anis dubbii keetiif ajajamuuf waadaa galeera.
58Ani garaa koo guutuun fuula kee barbaaddadheera;
ati akkuma waadaa keetiitti naa araarami.
59Ani karaa koo itti deddeebiʼee yaadeera;
tarkaanfii koo gara sirna keetiitti deebiseera.
60Ani ajajawwan kee eeguuf,
nan ariifadha; hin barfadhus.
61Hamoonni yoo funyoodhaan na hidhan iyyuu,
ani seera kee hin irraanfadhu.
62Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif,
ani si galateeffachuuf jedhee halkan walakkaa nan kaʼa.
63Ani warra si sodaatan hundaaf,
warra ajaja kee eegan hundaafis michuu dha.
64Yaa Waaqayyo, lafti jaalala keetiin guutamteerti;
sirna kee na barsiisi.
ט Teeti 65Yaa Waaqayyo, ati akkuma dubbii keetiitti,
tajaajilaa keetiif waan gaarii gooteerta.
66Murtii gaarii fi beekumsa na barsiisi;
ani ajajawwan keetti nan amanaatii.
67Ani utuun hin rakkatin karaa irraa badee ture;
amma garuu dubbii kee nan eega.
68Ati gaarii dha; wanni ati hojjettus gaarii dha;
sirna kee na barsiisi.
69Of tuultonni yoo sobaan maqaa na balleessan iyyuu,
ani garaa koo guutuudhaan seera kee nan eega.
70Onneen isaanii mooraan haguugamteerti;
ani garuu seera keetti nan gammada.
71Akka ani sirna kee baradhuuf,
rakkachuun koo anaaf gaarii ture.
72Meetii fi warqee kumaatama irra,
seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha.
י Yood 73Harki kee na uume; na tolches;
akka ani ajaja kee baradhuuf ati hubannaa naa kenni.
74Sababii ani dubbii kee abdadheef,
warri si sodaatan yommuu na arganitti haa gammadan.
75Yaa Waaqayyo, ani akka murtiin kee qajeelaa taʼe,
akka atis amanamummaadhaan na dhiphiste beeka.
76Akkuma ati tajaajilaa keetiif waadaa galte sanatti,
jaalalli kee kan hin geeddaramne sun na haa jajjabeessu.
77Akka ani lubbuun jiraadhuuf gara laafinni kee gara koo haa dhufu;
seerri kee gammachuu kootii.
78Of tuultonni waan sababii malee na yakkaniif haa qaanaʼan;
ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
79Warri si sodaatan, kanneen seera kee hubatan
gara kootti haa deebiʼan.
80Akka ani hin qaanofneef
garaan koo seera kee duratti hanqina hin qabaatin.
כ Kaaf 81Lubbuun koo fayyisuu kee hawwuudhaan gaggabdi;
ani garuu dubbii kee nan abdadha.
82Iji koo waadaa kee eeggachuudhaan dadhabe;
anis, “Ati yoom na jajjabeessita?” nan jedha.
83Qalqalloo wayinii kan aara keessa ture
fakkaadhus ani ajaja kee hin irraanfadhu.
84Tajaajilaan kee hamma yoomiitti obsuu qaba?
Ati warra na ariʼatanitti yoom murta?
85Of tuultonni warri akka seera keetiitti hin bulle,
boolla naa qotaniiru.
86Ajajawwan kee hundinuu amanamoo dha;
namoonni sababii malee waan na ariʼataniif ati na gargaari.
87Isaan lafa irraa na balleessuu gaʼanii turan;
ani garuu sirna kee hin dhiifne.
88Ati akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari;
anis seera afaan keetii baʼu nan eega.
ל Laamed 89Yaa Waaqayyo, dubbiin kee bara baraan jiraata;
samii keessas jabaatee ni dhaabata.
90Amanamummaan kee dhaloota hundaaf itti fufa;
ati lafa hundeessite; isheenis ni jiraatti.
91Sababii wanni hundinuu si tajaajiluuf,
seerri kee hamma harʼaatti jiraateera.
92Utuu seerri kee gammachuu naa taʼuu baatee,
ani silaa rakkina kootiin badeen ture.
93Sababii ati isaan na jiraachifteef,
ani gonkumaa ajaja kee hin irraanfadhu.
94Sababii ani kan kee taʼeef na fayyisi;
anis sirna kee barbaadeera.
95Hamoonni na balleessuuf na eeggachaa jiru;
ani garuu irra deddeebiʼee seera kee nan yaada.
96Ani akka wanni mudaa hin qabnee hundinuu daangaa qabu argeera;
ajajni kee garuu baayʼee balʼaa dha.
מ Meem 97Ani seera kee akkaman jaalladha!
Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
98Ajajawwan kee waan yeroo hunda na wajjin jiraniif,
diinota koo caalaa ogeessa na godhan.
99Ani sababiin irra deddeebiʼee seera kee yaaduuf,
barsiisota koo hundumaa caalaa hubannaa qaba.
100Ani sababiin ajaja kee eeguuf,
maanguddoota caalaa hubannaa guddaan qaba.
101Ani akkan dubbii kee eeguuf,
karaa hamaa hunda irraa miilla koo adabadheera.
102Waan ati mataan kee na barsiifteef,
ani seera kee irraa hin fagaanne.
103Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa;
nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa!
104Ani qajeelfama kee irraa hubannaa argadheera;
kanaafuu daandii sobaa hunda nan jibba.
נ Nuun 105Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha;
daandii kootiif immoo ifa.
106Ani akkan seera kee qajeelaa sana eeguuf, kakadheera;
kanas mirkaneesseera.
107Ani akka malee dhiphadheen jira; yaa Waaqayyo,
ati akkuma dubbii keetiitti lubbuu koo baraari.
108Yaa Waaqayyo, galata fedhiidhaan afaan kootii baʼu fudhadhu;
seera kees na barsiisi.
109Jireenyi koo yeroo hunda harka koo keessa jiraatu iyyuu,
ani seera kee hin irraanfadhu.
110Hamoonni kiyyoo naa kaaʼaniiru;
ani garuu ajaja kee irraa hin jalʼanne.
111Seerri kee dhaala koo kan bara baraa ti;
gammachuu garaa kootiitis.
112Garaan koo hamma dhumaatti
ajaja kee eeguuf kutateera.
ס Saamek 113Ani nama yaada lamaa nan jibba;
seera kee garuu nan jaalladha.
114Ati iddoo ani itti baqadhuu fi gaachana koo ti;
ani dubbii kee abdadheera.
115Akka ani ajajawwan Waaqa koo eeguuf,
isin warri waan hamaa hojjettan narraa fagaadhaa!
116Ati akkuma waadaa keetiitti na deeggari; anis nan jiraadha;
akka ani abdii kootti qaanaʼu na hin godhin.
117Akka ani nagaadhaan jiraadhuuf na deeggari;
yeroo hunda seera kee nan kabaja.
118Sababii gowwoomsaan isaanii faayidaa hin qabneef;
ati warra seera kee irraa jalʼatan hunda tuffattee gatta.
119Ati hamoota lafa irraa hunda akka kosiitti gatta;
kanaafuu ani seera kee nan jaalladha.
120Foon koo si sodaachuudhaan hollata;
anis murtii kee nan sodaadha.
ע Aayin 121Ani waan qajeelaa fi tolaa hojjedheera;
ati warra na hacuucanitti dabarsitee na hin kennin.
122Nagaan jiraachuu tajaajilaa keetii mirkaneessi;
akka of tuultonni na cunqursanis hin eeyyamin.
123Iji koo fayyisuu kee eeguudhaan,
waadaa kee qajeelaas eeguudhaanis dadhabeera.
124Akkuma jaalala keetiitti tajaajilaa kee yaadadhu;
seera kees na barsiisi.
125Ani tajaajilaa kee ti;
akka ani ajaja kee beekuuf hubannaa naa kenni.
126Yaa Waaqayyo, kun yeroo ati itti hojjettuu dha;
seerri kee cabsamaa jiraatii.
127Kanaafuu ani warqee caalaa,
warqee qulqulluu caalaa, ajajawwan kee nan jaalladha;
128ani akka seerri kee hundi qajeelaa taʼe nan amana;
daandii sobaa hundas nan jibba.
פ Pee 129Sirni kee dinqisiisaa dha;
kanaafuu ani isa nan eega.
130Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna;
wallaalotaafis hubannaa kenna.
131Ani ajajawwan kee hawwuudhaan
afaan koo banee nan hargana.
132Ati akkuma yeroo hunda warra maqaa kee jaalataniif gootu sana,
gara kootti garagalii na maari.
133Akkuma dubbii keetiitti tarkaanfii miilla kootii naa qajeelchi;
cubbuun tokko iyyuu narratti hin moʼin.
134Akka ani ajaja kee eeguuf
hacuuccaa namootaa jalaa na furi.
135Akka fuulli kee tajaajilaa kee irratti ifu godhi;
sirna kees na barsiisi.
136Sababii namoonni seerra kee hin eegneef,
iji koo imimmaan lolaasa.
צ Tsaade 137Yaa Waaqayyo, ati qajeelaa dha;
murtiin kees qajeelaa dha.
138Seerri ati kennite qajeelaa dha;
guutummaattis amanamaa dha.
139Sababii diinonni koo dubbii kee dagataniif,
hinaaffaan ani qabu na guggubeera.
140Waadaan kee sirriitti qoramee ilaalameera;
tajaajilaan kees isa jaallata.
141Xinnaadhee tuffatamu iyyuu,
ani ajaja kee hin irraanfadhu.
142Qajeelummaan kee bara baraan jiraata;
seerri kees dhugaa dha.
143Rakkinnii fi dhiphinni natti dhufeera;
ajajawwan kee garuu gammachuu koo ti.
144Seerri kee bara baraan qajeelaa dha;
akka ani jiraadhuuf hubannaa naa kenni.
ק Qoof 145Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin waammadha;
deebii naa kenni; anis sirna keetiif nan ajajama.
146Ani sittin iyyadha; ati na fayyisi;
seera kees nan eega.
147Ani utuu lafti hin bariʼin kaʼee gargaarsaaf nan iyyadha;
ani dubbii kee abdadheera.
148Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf,
iji koo halkan guutuu banamee bula.
149Akkuma jaalala keetiitti sagalee koo dhagaʼi;
Yaa Waaqayyo, akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
150Warri daba mariʼatan as dhiʼoo jiru;
seera kee irraa garuu fagoo jiru.
151Yaa Waaqayyo, ati garuu dhiʼoo jirta;
ajajawwan kee hundis dhugaa dha.
152Akka ati ajajawwan kee bara baraan hundeessite,
ani seera kee irraa dur baradheera.
ר Reesh 153Dhiphina koo argiitii na oolchi;
ani seera kee hin daganneetii.
154Dubbii koo naa falmi; na furis;
akkuma waadaa keetiitti lubbuu koo baraari.
155Sababii isaan sirna kee hin barbaanneef,
fayyinni hamoota irraa fagaateera.
156Yaa Waaqayyo, gara laafinni kee guddaa dha;
akkuma seera keetiitti lubbuu koo baraari.
157Diinonni koo warri na ariʼatan baayʼee dha;
ani garuu seera kee irraa hin jalʼanne.
158Sababii isaan dubbii keetiif hin ajajamneef,
ani warra amantii hin qabne ija jibbaatiin nan ilaala.
159Akkam akka ani qajeelfama kee jaalladhu mee ilaali;
Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala keetiitti lubbuu koo baraari.
160Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha;
seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata.
ש Siinii fi Shiin 161Bulchitoonni sababii malee na ariʼatan;
garaan koo garuu dubbii kee sodaachuudhaan hollata.
162Ani akka nama boojuu guddaa argate tokkootti,
dubbii keetti nan gammada.
163Ani soba nan jibba; nan xireeffadhas;
seera kee garuu nan jaalladha.
164Sababii seera kee qajeelaa sanaatiif,
ani guyyaatti yeroo torba sin galateeffadha.
165Warri seera kee jaallatan nagaa guddaa qabu;
wanni isaan gufachiisu tokko iyyuu hin jiru.
166Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan abdadha;
ajaja kee duukaas nan buʼa.
167Ani waanan guddaa isa jaalladhuuf,
ajaja kee nan eega.
168Ati karaa koo hunda waan beektuuf,
ani sirna keetii fi seera kee nan eega.
ת Taaw 169Yaa Waaqayyo, iyyi koo fuula kee dura haa gaʼu;
ati akkuma dubbii keetiitti hubannaa naa kenni.
170Waammanni koo fuula kee dura haa gaʼu;
akkuma waadaa keetiitti na baasi.
171Sababii ati qajeelfama kee na barsiiftuuf,
hidhiin koo galata haa dhangalaasu.
172Arrabni koo dubbii kee haa faarfatu;
ajajni kee hundi qajeelaadhaatii.
173Waan ani sirna kee filadheef,
harki kee na gargaaruuf haa qophaaʼu.
174Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan hawwa;
seerri kees gammachuu koo ti.
175Lubbuun koo si galateeffachuuf haa jiraattu;
seerri kees na haa gargaaru.
176Ani akkuma hoolaa badee karaa irraa jalʼadheera.
Ani ajajawwan kee hin irraanfanneetii,
tajaajilaa kee barbaadi.
Copyright information for
GazHAHl