‏ Psalms 12

Kadhannaa Gargaarsa Barbaachaaf Kadhatame

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.

1Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar;
ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.
2Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata;
isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.

3 Waaqayyo afaan nama saadu hunda,
arraba of tuulu hundas haa kukkutu;
4isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona;
hidhiin keenyas keenyuma;
eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.

5 Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif,
sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa.
Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.
6Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu;
innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee
yeroo torba qulqulleeffamee ti.

7Yaa Waaqayyo ati nu eegda;
dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.
8Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti
hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.
Copyright information for GazHAHl