Psalms 120
Farra Nagaa
Faarfannaa Ol baʼuu. 1Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha;innis deebii naa kenna.
2Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi
arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
3Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama?
Kana caalaas maal godhamta?
4Inni xiyya loltootaa kan qarameen,
barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba.
5Ani waanan Meshek keessa taaʼee
dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo!
6Warra nagaa jibban gidduu,
ani yeroo dheeraa jiraadheera.
7Ani nama nagaa barbaadu dha;
isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.
Copyright information for
GazHAHl