Psalms 121
Eegduu Israaʼel
Faarfannaa Ol baʼuu. 1Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha;gargaarsi koo eessaa dhufa?
2Gargaarsi koo Waaqayyo
samii fi lafa uume biraa dhufa.
3Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu;
kan si eegu hin mugu;
4dhugumaan inni Israaʼelin eegu
hin mugu; hin rafus.
5 Waaqayyo si eega;
Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;
6guyyaa aduun si hin gubu;
halkanis jiʼi si hin miidhu.
7 Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega;
inni lubbuu kee ni eega;
8 Waaqayyo ammaa jalqabee
hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.
Copyright information for
GazHAHl