‏ Psalms 122

Yaa Yerusaalem Ililchi

Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.

1Yommuu isaan, “Kottu gara mana Waaqayyoo dhaqnaa”
naan jedhanitti, ani nan gammade.
2Yaa Yerusaalem,
miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.

3Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee
gobbatte tokkootti ijaaramte.
4Kunis iddoo gosoonni,
gosoonni Waaqayyo,
akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti,
maqaa Waaqayyoo galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.
5Teessoowwan murtii,
teessoowwan mana Daawit achi dhaabatu.

6Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa:
“Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.
7Dallaa kee keessa nagaan,
masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu.”
8Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee,
“Nagaan si keessa haa jiraatu” nan jedha.
9Mana Waaqayyo Waaqa keenyaatiif jedhee,
ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.
Copyright information for GazHAHl