Psalms 13
Iyyata Nama Waaqa Amanatee
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 1 ▼▼13:1 in some Bibles.
Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa?
Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?
2 ▼
▼13:1 in most Bibles.
Ani hamma yoomiittin rakkina obseeguyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda?
Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?
3 ▼
▼13:2 in most Bibles.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni.Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;
4 ▼
▼13:3 in most Bibles.
diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha;amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.
5 ▼
▼13:4 in most Bibles.
Ani garuu araara kee nan amanadha;garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
6 ▼
▼13:5-13:6 in most Bibles.
Ani Waaqayyoof nan faarfadha;arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.
Copyright information for
GazHAHl