‏ Psalms 134

Faarfannaa Halkanii

Faarfannaa ol baʼuu.

1Isin tajaajiltoonni Waaqayyoo,
warri halkan mana Waaqayyoo keessa tajaajiltan hundinuu,
Waaqayyoon galateeffadhaa.
2Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii
Waaqayyoon galateeffadhaa.

3 Waaqayyo samii fi lafa uume sun
Xiyoon irraa isin haa eebbisu.
Copyright information for GazHAHl