Psalms 139
Waaqa Waan Hunda Beeku
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqayyo, ati na qorteerta;na beekteertas.
2Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta;
yaada koos fagootti hubatta.
3Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta;
karaa koo hundas beekta.
4Yaa Waaqayyo, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre,
ati guutumaan guutuutti ni beekta.
5Ati duraa fi duubaan na marsiteerta;
harka kees narra keesseerta.
6Beekumsi akkanaa anaaf akka malee dinqii dha;
hubachuufis akka malee narraa fagoo dha.
7Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa?
Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa?
8Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta;
yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta.
9Yoo ani qoochoo ganamaatiin
barrisee qarqara galaanaa fagoo irra qubadhe,
10achittis harki kee karaa na argisiisa;
harki kee mirgaas jabeessee na qaba.
11Yoo ani, “Dhugumaan dukkanni na dhoksa;
ifnis naannoo kootti halkan taʼa” jedhe,
12dukkanni iyyuu siif dukkana hin taʼu;
halkanis akkuma guyyaa ifa;
dukkanni siif akkuma ifaatii.
13Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;
gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
14Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
sin galateeffadha;
hojiin kee dinqisiisaa dha;
kanas ani akka gaariittan beeka.
15Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,
lafeen koo si duraa hin dhokanne.
Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
16iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.
Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin,
kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
17Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata!
Baayʼinni isaas akkam guddaa dha!
18Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee,
silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata.
Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira.
19Maaloo yaa Waaqi, ati utuu hamoota fixxee!
Warri dhiiga namaa dhangalaaftan, narraa fagaadhaa!
20Isaan yaada hamaadhaan waaʼee kee dubbatu;
diinonni kee akkasumaan maqaa kee dhaʼu.
21Yaa Waaqayyo, ani warra si jibban hin jibbuu?
Warra sitti kaʼanis hin xireeffadhuu?
22Ani hamma dhumaatti isaan jibbeera;
akka diina koottis isaan nan heda.
23Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki;
qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.
24Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali;
karaa bara baraa irras na adeemsisi.
Copyright information for
GazHAHl