Psalms 143
Gad of qabanii Waaqa Kadhachuu
Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;gurra kees gara waammata kootiitti deebisi;
amanamummaa fi
qajeelummaa keetiin, na gargaari.
2Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin;
namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii.
3Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii;
jireenya koos butuchee biyyootti make.
Akkuma warra dur duʼaniittis
dukkana keessa na jiraachiseera.
4Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera;
onneen koos na keessatti rifatteerti.
5Ani guyyoota durii nan yaadadha;
waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada;
waan harki kee hojjete illee nan heda.
6Harka koo gara keetti nan diriirfadha;
lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.
7Yaa Waaqayyo, dafii deebii naa kenni;
hafuurri koo dadhabeera.
Fuula kee na duraa hin dhoksin
yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.
8Ani waanan si amanadheef,
akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.
Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,
karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.
9Yaa Waaqayyo, ani akka ati na dhoksituuf sitti nan baqadhaatii,
diinota koo jalaa na baasi.
10Ati sababii Waaqa koo taateef,
akka ani fedhii kee guutu na barsiisi;
hafuurri kee gaariin sun
karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.
11Yaa Waaqayyo, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi;
qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.
12Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi;
waan ani garbicha kee taʼeef,
warra na cunqursan hunda barbadeessi.
Copyright information for
GazHAHl