Psalms 146
Waaqa Nama Gargaaru Faarfachuu
1Haalleluuyaa.Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu.
2Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha;
ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha.
3Abdii keessan bulchitoota irra,
namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.
4Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu;
guyyuma sanas karoorri isaanii bada.
5Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas
Waaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha.
6 Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa,
galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti;
inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.
7Inni warra cunqurfamaniif ni mura;
warra beelaʼaniif nyaata kenna.
Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika;
8 Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna;
Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba;
Waaqayyo qajeeltota ni jaallata.
9 Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha;
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi
dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa;
karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.
10 Waaqayyo bara baraan ni moʼa;
Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa.
Haalleluuyaa.
Copyright information for
GazHAHl