‏ Psalms 147

Faarfannaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf Faarfatame

1Haalleluuyaa.

Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha;
isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!

2 Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara;
Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.
3Warra garaan cabe ni fayyisa;
madaa isaaniis walitti hodha.
4Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka;
tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.
5Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;
hubannaan isaas dhuma hin qabu.
6 Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa;
hamoota garuu lafatti darbata.

7Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa;
baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.

8Inni samiiwwani duumessaan haguuga;
lafaafis bokkaa kenna;
tulluuwwan irrattis marga biqilcha.
9Horiidhaaf waan isaan dheedan,
yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti

nyaata isaaniif ni kenna.

10Inni jabina fardaatti hin gammadu;
yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;
11 Waaqayyo warra isa sodaatanitti,
warra araara isaa abdatanitti ni gammada.

12Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu;
Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.

13Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii;
ijoollee kees si keessatti eebbisa.
14Daarii keetiif nagaa kenna;
qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.

15Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga;
dubbiin isaas ni ariifata.
16Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa;
qorras akkuma daaraatti bittinneessa.
17Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata.
Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
18Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa;
bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.

19Inni dubbii isaa Yaaqoobitti,
seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.
20Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone;
isaan seera isaa hin beekan.

Haalleluuyaa.
Copyright information for GazHAHl