‏ Psalms 149

Faarfannaa Moʼannoo

1Haalleluuyaa.

Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;
waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.

2Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu;
sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.
3Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;
dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.
4 Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii;
warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.
5Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan;
siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.

6Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu;
goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;
7kunis sabootatti haaloo baʼuu fi
namoota adabuudhaaf;
8mootota isaanii foncaan,
hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,
9murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf.
Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina.

Haalleluuyaa.
Copyright information for GazHAHl