‏ Psalms 16

Waaqayyo Dhaala Koo ti

Miiktaamii Daawit.

1Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii,
ati na eegi.

2Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti;
ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha.
3Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha;
anis isaanitti baayʼee nan gammada.
4Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan,
gaddi isaanii ni guddata.
Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu;
yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.

5 Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti;
ixaa koos situ naa jiraachisa.
6Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera;
dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.

7 Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha;
halkanis yaadni koo na qajeelcha.
8Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba.
Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.

9Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha;
foon koos nagaadhaan jiraata;
10ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii,
yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu.
11Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis
gammachuudhaan na guutta;
gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.
Copyright information for GazHAHl