‏ Psalms 17

Iyyata Nama Qajeelaa

Kadhannaa Daawit.

1Yaa Waaqayyo, iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi;
booʼicha koos dhaggeeffadhu.
Kadhannaa koo kan afaan nama hin gowwoomsine
keessaa baʼuufis gurra kenni.
2Murtiin koo si biraa haa dhufu;
iji kees waan qajeelaa haa argu.

3Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte,
yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu;
ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.
4Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin
karaa gooltotaa irraa of eeggadheera.
5Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera;
miilli koos hin mucucaanne.

6Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha;
gurra kee gara kootti qabiitii kadhannaa koo dhagaʼi.
7Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan
harka kee mirgaatiin oolchitu,
ati jaalala kee isa hin geeddaramne sana haala dinqisiisaadhaan argisiisi.
8Akka agartuu ija keetiitti na eegi;
gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;
9hamoota na dhiphisan jalaa,
diinota na ajjeesuuf na marsan jalaa na baasi.

10Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu;
afaan isaaniis of tuulummaadhaan dubbata.
11Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru;
lafaan na dhaʼuudhaafis ija babaasu.
12Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti;
akka leenca guddaa riphee waa gaaduu ti.

13Yaa Waaqayyo kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi;
goraadee keetiinis hamoota jalaa na baasi.
14Yaa Waaqayyo, namoota akkanaa jalaa,
namoota addunyaa kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma ammaa taʼe jalaa

harka keetiin na baraari.
Garaan isaanii waan ati isaaniif kuufte haa quufu;
ijoolleen isaaniis akka malee haa quufan;
isaanis waan isaan irraa hafe daaʼimman isaaniitiif haa kaaʼan.

15Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga;
yommuun dammaquttis ani ulfina kee arguudhaan nan quufa.
Copyright information for GazHAHl