‏ Psalms 22

Rakkinaa Fi Abdii Nama Qajeelaa

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo “Borofa Ganamaa” jedhu. Faarfannaa Daawit.

1Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte?
Ati na gargaaruu irraa,
iyya koo irraas maaliif akkas fagaatta?
2Yaa Waaqa ko, ani guyyaa guyyaa sittin iyyadha;
ati garuu deebii naaf hin deebiftu;
halkan halkanis afaan hin qabadhu.

3Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha;
ati galata Israaʼel.
4Abbootiin keenya si amanatan;
isaan si amanatan; atis isaan oolchite.
5Isaan sitti iyyatan; ni fayyifamanis;
si amanatan; hin qaanofnes.

6Ani garuu raammoodha malee nama miti;
ani nama namni itti qoosuu fi sabnis tuffatuu dha.
7Warri na argan hundinuu natti kolfu;
mataa isaanii raasanii na arrabsu.
8Akkanas jedhu; “Inni Waaqayyoon amanata;
mee Waaqayyo isa haa oolchu kaa.
Inni waan isatti gammaduuf, isa haa oolchu.”

9Ati garuu gadameessa keessaa na baafte;
harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege.
10Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame;
erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.
11Ati narraa hin fagaatin;
rakkinni dhiʼaateeraatii;
namni na gargaarus hin jiru.

12Korommiin baayʼeen na marsu;
korommiin Baashaan jajjaboonis karaa hundumaan na marsu.
13Isaanis akka leenca beelaʼee aaduu
afaan isaanii balʼisanii natti banatu.
14Ani akkuma bishaaniitti nan dhangalaafame;
lafeen koo hundinuus wal gad dhiise.
Onneen koo gara gagaatti geeddarame;
na keessattis baqe.
15Jabinni koo akka qiraacii goge;
arrabni koo laagaatti na maxxane;
awwaara duʼaa keessas na ciibsite.
16Saroonni na marsaniiru;
gareen namoota hamoo na marseera;
isaanis harkaa fi miilla koo waraananii fullaasaniiru.
17Ani lafee koo hunda lakkaaʼuu nan dandaʼa;
isaanis ija babaasanii na ilaalu; akkas taʼuu koottis ni gammadu.
18Isaan wayyaa koo hiratan;
uffata koottis ixaa buufatan.

19Yaa Waaqayyo, ati garuu narraa hin fagaatin;
yaa Jabina koo na gargaaruuf ariifadhu.
20Lubbuu koo goraadee jalaa,
jireenya koo immoo humna sarootaa jalaa baasi.
21Afaan leencaa jalaa na miliqsi;
gaanfa gafarsaa jalaas na baasi.

22Maqaa kee obboloota kootti nan labsa;
waldaa keessattis sin jajadha.
23Isin warri Waaqayyoon sodaattan isa jajadhaa!
Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa!
Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!
24Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne
yookaan hin balfineetii;
yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis,
ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne.

25Galanni ani yaaʼii guddaa irratti siif galchu si biraa dhufa;
warra si sodaatan durattis wareega koo of irraa nan baasa.
26Hiyyeeyyiin nyaatanii quufu;
warri Waaqayyoon barbaaddatanis isa ni jajatu;
garaan keessan bara baraan haa jiraatu!
27Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata;
gara Waaqayyoottis ni deebiʼa;
maatiiwwan sabootaa hundinuus
fuula isaa duratti ni sagadu;
28mootummaan kan Waaqayyootii;
innis saboota hunda ni bulcha.

29Sooreyyiin lafaa hundinuu ni nyaatu; ni waaqeffatus;
warri of jiraachisuu hin dandeenye kanneen biyyoo seenan hundi
fuula isaa duratti ni jilbeenfatu.
30Dhaloonni dhufu isa tajaajila;
dhaloota boriittis waaʼeen Gooftaa ni himama.
31Sababii inni waan kana hojjeteef,
isaan saba dhalachuuf jirutti qajeelummaa isaa ni labsu.
Copyright information for GazHAHl