‏ Psalms 29

Faarfannaa Gooftaa Bubbeetiif Dhiʼaate

Faarfannaa Daawit.

1Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa;
ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa.
2Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;
iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.

3Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira;
Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa;
Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.
4Sagaleen Waaqayyoo humna qaba;
sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa.
5Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa;
Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa.
6Inni Libaanoonin akka jabbiitti,
Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.
7Sagaleen Waaqayyoo
balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.
8Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa;
Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa.
9Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira;
bosonas qullaatti hambisa.
Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.

10 Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa;
Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.
11 Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna;
Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.
Copyright information for GazHAHl