‏ Psalms 33

Waaqa Jajachuu

1Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa;
isa jajuun tolootaaf ni mala.
2Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa;
baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.
3Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa;
sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.

4Dubbiin Waaqayyoo qajeelaadhaatii;
inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.
5 Waaqayyo qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata;
laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.

6Samiiwwan dubbii Waaqayyootiin hojjetaman;
tuunni urjiiwwanii hundinuus

hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.
7Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba;
bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa.
8Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu;
sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
9Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe;
inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate.
10 Waaqayyo marii sabootaa ni fashaleessa;
akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha.
11Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas
dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.

12Sabni Waaqayyo Waaqa isaaf taʼe,
namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.
13 Waaqayyo samii irraa gad ni ilaala;
ilmaan namootaa hundas ni arga;
14inni teessoo isaa irra taaʼee,
warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala;
15inni garaa nama hundumaa uumu sun,
hojii isaanii hunda ni hubata.
16Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu;
jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu.
17Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha;
guddinni humna isaas nama hin oolchu.
18Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra,
warra araara isaa abdatan irras jira;
19inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa;
bara beelaas isaan ni jiraachisa.

20Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti;
innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.
21Garaan keenya isatti ni gammadaatii;
nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.
22Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya
sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.
Copyright information for GazHAHl