Psalms 35
Kadhannaa Nama Dhiphatee
Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqayyo, warra anaan mormaniin mormi;warra na lolanis loli.
2Gaachanaa fi miʼa lolaa qabadhu;
na gargaaruudhaafis kaʼi.
3Warra na ariʼanitti
eeboo fi bodee luqqifadhu.
Lubbuu kootiinis,
“Fayyinni kee ana” jedhi.
4Warri lubbuu koo barbaadan,
haa qaanaʼan; haa salphatanis;
warri na balleessuuf mariʼatanis,
abdii kutatanii duubatti haa deebiʼan.
5Akka habaqii qilleensaan fudhatamee haa taʼan;
ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
6Karaan isaanii dukkanaaʼaa fi mucucaataa haa taʼu;
ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
7Isaan sababii malee kiyyoo isaanii dhoksanii na dura kaaʼaniiruutii;
sababii malees boolla naa qotaniiru;
8utuu inni hin beekin badiisni isatti haa dhufu;
kiyyoon inni dhokse sunis isuma haa qabu;
boolluma qote sanattis haa kufu.
9Yoos lubbuun ko, Waaqayyotti gammaddi;
fayyisuu isaattis ni ililchiti.
10Lafeen koo hundi akkana siin jedha:
“Yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu?
Ati dadhabdoota warra isaan caalaa jabaatan jalaa baafta;
hiyyeeyyii fi rakkattoota illee saamtota jalaa baafta.”
11Dhuga baatonni sobaa natti kaʼan;
waan ani waaʼee isaa hin beeknes na gaafatu.
12Isaan qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisu;
lubbuu koos kophaatti hambisu.
13Ani garuu yeroo isaan dhibamanitti, wayyaa gaddaa nan uffadhe;
lubbuu koos soomaan nan miidhe.
Yeroo kadhannaan koo deebii malee hafettis
14ani akkuma waan michuu kootiif yookaan obboleessa kootiif gadduutti,
gaddaan asii fi achi deddeebiʼe.
Akkuma waan haadha kootiif booʼuuttis,
gaddaan mataa koo nan buuse.
15Isaan garuu yeroo ani gufadhetti gammadanii walitti qabaman;
utuu ani hin beekin na marsan;
utuu wal irraa hin kutinis na cicciratan.
16Isaan akkuma warra Waaqatti hin bulleetti hamminaan natti qoosan;
ilkaan isaanii illee natti qaratan.
17Yaa Gooftaa, ati hamma yoomiitti calʼistee ilaalta?
Lubbuu koo badiisa isaan fidan jalaa,
jireenya koos leenca jalaa baasi.
18Ani wal gaʼii guddaa keessatti sin galateeffadha;
tuuta guddaa keessatti sin jajadha.
19Warri akkasumaan diina natti taʼan natti hin gammadin;
warri sababii malee na jibban sunis ija natti hin qisin.
20Isaan nagaa hin dubbatan;
warra qabbanaan biyya keessa jiraatanittis,
mala sobaa malatu.
21Isaanis, “Baga! Baga! Ijuma keenyaan isa argine”
jedhanii afaan natti banatu.
22Yaa Waaqayyo, ati waan kana argiteerta; hin calʼisin.
Yaa gooftaa, narraa hin fagaatin.
23Yaa Waaqa koo fi Gooftaa ko, ati mirga kootiif,
dhimma kootiifis dammaqi; kaʼi!
24Yaa Waaqayyo Waaqa ko,
akkuma qajeelummaa keetiitti naa murteessi;
akka isaan natti gammadanis hin godhin.
25Akka isaan, “Baga! Akkuma nu barbaanne taʼeera!” jedhan,
yookaan akka isaan, “Nu isa liqimsineerra” jedhan hin godhin.
26Warri dhiphina kootti gammadan hundinuu
haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis;
warri natti kooran hundinuus,
qaanii fi salphina haa uffatan.
27Warri qajeelumma koo jaallatan,
sagalee guddaadhaan haa ililchan; haa gammadanis.
Isaan yeroo hunda,
“Waaqayyo inni nagaa garbicha isaatti gammadu guddaa dha” haa jedhan.
28Arrabni koo qajeelummaa kee,
guyyaa guutuus galata kee odeessa.
Copyright information for
GazHAHl