‏ Psalms 36

Jalʼina Namaatii Fi Gaarummaa Waaqayyoo

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit Garbicha Waaqayyoo.

1Ani waaʼee cubbamootaa,
ergaa Waaqa bira dhufe garaa koo keessaa qaba:
Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.

2Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis,
isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu.
3Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha;
isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru.
4Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu;
karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan.

5Yaa Waaqayyo, araarri kee samiiwwan bira,
amanamummaan kees duumessa bira gaʼa.
6Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti;
murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti.
Yaa Waaqayyo, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta.
7Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa!
Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
8Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu;
atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta.
9Burqaan jireenyaa si bira jiraatii;
nu ifa keetiin ifa argina.

10Jaalala kee warra si beekaniif,
qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi.
11Miilli of tuultotaa natti hin dhufin;
harki hamootaas dhiibee na hin fageessin.
12Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru;
gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan!
Copyright information for GazHAHl