Psalms 37
Qooda Nama Qajeelaa Fi Hamaa
Faarfannaa Daawit. 1Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarinyookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.
2Isaan akkuma margaa dafanii coollagu;
akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.
3 Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu;
biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
4 Waaqayyotti gammadi;
innis hawwii garaa keetii siif guuta.
5Karaa kee Waaqayyotti kennadhu;
isa amanadhu; inni siif milkeessa.
6Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti,
murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.
7 Waaqayyo duratti calʼisi;
obsaanis isa eeggadhu;
nama karaan isaa qajeeleefitti,
kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
8Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi;
hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.
9Namoonni hamoon ni balleeffamuutii;
warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.
10Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan;
yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.
11Garraamonni garuu lafa ni dhaalu;
nagaa guddaadhaanis ni gammadu.
12Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu;
ilkaan isaaniis isatti qaratu;
13Gooftaan hamootatti ni kolfa;
inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.
14Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi
rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf,
warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf,
goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.
15Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana;
iddaan isaaniis ni caccaba.
16Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra,
waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;
17humni hamootaa ni cabaatii;
Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.
18 Waaqayyo bara tolootaa ni beeka;
dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.
19Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan;
bara beelaa keessas ni quufu.
20Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu;
diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti;
isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.
21Namoonni hamoon ni liqeeffatu;
garuu deebisanii of irraa hin baasan;
qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;
22warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu;
warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.
23Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama;
inni karaa namicha sanaatti ni gammada.
24Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu;
Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.
25Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;
garuu qajeeltonni gatamuu isaanii
yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
26Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus;
ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.
27Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu;
yoos ati bara baraan ni jiraatta.
28 Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii;
warra isaaf amanamanis hin gatu.
Isaanis bara baraan ni eegamu;
sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
29Qajeeltonni lafa ni dhaalu;
bara baraanis ishee irra ni jiraatu.
30Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;
arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.
31Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira;
miilli isaas hin mucucaatu.
32Namoonni hamoon qajeeltota gaadu;
isaan ajjeesuus ni barbaadu;
33 Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu
yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti,
akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.
34 Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi.
Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna;
atis badiisa hamootaa ni argita.
35Nama hamaa fi gara jabeessa,
isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.
36Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre;
ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.
37Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali;
sanyiin nama nagaa hin baduutii.
38Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu;
galgalli nama hamaas hin tolu.
39Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa;
inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
40 Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas;
harka namoota hamoo jalaa isaan baasa;
isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.
Copyright information for
GazHAHl