‏ Psalms 38

Kadhannaa yeroo dhiphinaa

Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf.

1Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin
yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
2Xiyyooliin kee na waraananiiru;
harki kees akka malee natti ulfaateera.
3Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera;
sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera.
4Cubbuun koo na liqimseeraatii;
akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera.

5Sababii gowwummaa kootiitiif,
madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes.
6Ani gad nan qabame; gadis nan cabe;
guyyaa guutuus gaddaan oola.
7Dugdi koo na bobaʼa;
dhagni koos fayyaa hin qabu.
8Ani laafeera; akka malees bututeera;
garaan koo dhiphatee ani aadaan jira.

9Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha;
argansuun koo si duraa hin dhokatu.
10Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera;
ifni ija kootiis badeera.
11Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan;
firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu.
12Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru;
warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu;
guyyaa guutuus hammina natti yaadu.

13Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee,
akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii.
14Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee,
akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera.
15Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha;
yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita.
16Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan
yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan
hin eeyyamin” jedheeraatii.

17Ani kufuu gaʼeeraatii;
dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne.
18Ani balleessaa koo nan himadha;
sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.
19Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha;
warri sababii malee na jibbanis hedduu dha.
20Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti;
ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii.

21Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin;
yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin.
22Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko,
na gargaaruudhaaf ariifadhu!
Copyright information for GazHAHl