‏ Psalms 40:6-8

6Ati aarsaa fi kennaa hin feene;
gurra koo garuu naa banteerta;
aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.
7Yeroo sana ani akkana nan jedhe; “Ani kunoo ti; ani dhufeera;
waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.
8Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada;
seerri kee garaa koo keessa jira.”
Copyright information for GazHAHl