‏ Psalms 42

Kitaaba Lammaffaa

Faarfannaa 42–72

Waaqayyon Dheebochuu

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi.

1Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana,
yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.
2Lubbuun koo Waaqayyoon Waaqa jiraataa dheebotti.
Ani yoomin dhaqee fuula Waaqaa arga?
3Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera;
namoonni guyyaa guutuu “Waaqni kee eessa jira?” anaan jedhuutii.
4Ani yommuun waan kana yaadadhutti,
lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa:
ilillee fi faarfannaa galataatiin
tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko,
hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa
tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.

5Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?
Na keessattis maaliif raafamta?
Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu;
ani amma iyyuu isa nan jajadha.
Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

6Lubbuun koo na keessatti gadditeerti;
kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa,
fiixee Hermoonii fi
Gaara Miizaarii irraa si yaadadha.
7Huursaa fincaaʼaa keetiitiin,
tuujubni tuujuba waama;
dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.

8 Waaqayyo guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja;
halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira;
kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha.

9Anis Waaqa Kattaa kootiin akkana nan jedha;
“Ati maaliif na dagatte?
Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?”
10Amajaajonni koo guyyaa guutuu,
“Waaqni kee eessa jira?” jedhanii natti qoosudhaan,
akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.

11Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?
Na keessattis maaliif raafamta?
Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;
ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;
Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
Copyright information for GazHAHl