‏ Psalms 43

Tumsaa fi Furama Barbaachaaf Kadhachuu

1Yaa Waaqi, naa murteessi;
saba hin amanametti dubbii koo naa falmi;
gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi.
2Ati Waaqa jabina kootii ti.
Maaliif na gatte?
Ani maaliifin diinaan cunqurfamee
gaddaan jiraadha?
3Ifa keetii fi dhugaa kee ergi;
isaan na haa qajeelchan;
gara tulluu kee qulqulluutti,
gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan.
4Yoos ani gara iddoo aarsaa Waaqaa,
gara Waaqa gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa.
Yaa Waaqayyo, Waaqa ko,
ani baganaadhaan sin galateeffadha.

5Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?
Na keessattis maaliif raafamta?
Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;
ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;
Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
Copyright information for GazHAHl