Psalms 45
Faarfannaa Cidha Mootii
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan “Daraaraa” jedhamu. Maskiil. Faarfannaa cidhaa. 1Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti,yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa;
arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti.
2Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha;
hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa;
kanaafuu Waaqni bara baraan si eebbiseera.
3Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu;
ulfinaa fi surraa uffadhu.
4Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif,
miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi;
harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu.
5Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan;
saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii.
6Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;
bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
7Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita;
kanaafuu Waaqayyo, Waaqni kee hiriyoota kee caalaatti,
zayitiidhaan gammachuu si dibeera.
8Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan,
argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa;
masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis
muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa.
9Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru;
mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee
karaa harka mirga keetii dhaabatti.
10Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi;
saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu.
11Mootiin miidhagina kee hawwa;
waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji.
12Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti;
sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu.
13Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti;
uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame.
14Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee gara mootiitti geeffamti;
durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii gara keetti fidamu.
15Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu;
masaraa mootichaas ni seenu.
16Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan;
atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta.
17Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha;
kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.
Copyright information for
GazHAHl