‏ Psalms 48

Xiyoon Tulluu Waaqayyoo

Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.

1Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti,
tulluu isaa qulqulluu irrattis, Waaqayyo guddaa dha;
waan hundaa olittis galanni isaaf mala.

2Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama;
dheerina isaatiinis ni bareeda.
Innis gammachuu addunyaa hundaa ti;
magaalaa Mooticha Guddaatis.
3Waaqni daʼannoo ishee keessa jira;
inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.

4Mootonni humna walitti daratanii
tokkummaadhaan itti qajeelan.
5Isaanis ishee arganii dinqifatan;
sodaataniis baqatan.
6Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti,
hollannaan isaan qabate.
7Atis bubbee baʼa biiftuutiin
dooniiwwan Tarshiish caccabsite.

8Akkuma dhageenye sana,
magaalaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti,
magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra;
Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba.

9Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti,
jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.
10Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetii
handaara lafaa gaʼa;
harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.
11Sababii murtii keetiitiif,
Tulluun Xiyoon haa gammaddu;
intallan Yihuudaas haa ililchan.

12Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa;
gamoowwan ishees lakkaaʼaa.
13Dhaloota itti aanutti akka himtaniif,
dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa;
galma ishees ilaalaa.

14Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii;
inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.
Copyright information for GazHAHl