Psalms 49
Qabeenya abdachuun faayidaa hin qabu
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. 1Yaa namoota, isin hundi waan kana dhagaʼaa;warri addunyaa kana irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa;
2xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi walumaan
dhaggeeffadhaa; kunis:
3Afaan koo dubbii ogummaa dubbata;
wanti ani garaatti yaadus hubannaa kenna.
4Gurra koo gara mammaaksaatti nan qabadha;
hibboo koos baganaadhaan nan ibsadha.
5Bara rakkinaa, yeroo gowwoomsitoonni hamoon
na marsanitti, ani maaliifan sodaadha?
6Isaan qabeenya isaanii amanatu;
guddina sooruma isaaniitiinis boonu.
7Namni lubbuu nama gara biraa furu,
yookaan gatii furii nama sanaa Waaqaaf baasu tokko iyyuu hin jiru;
8furiin lubbuu namaa gatii guddaa qabaatii;
gatiin quufsaanis yoom iyyuu hin argamu;
9silaa inni bara baraan ni jiraata;
hin tortorus ture.
10Akka ogeeyyiin duʼan namni hundinuu ni arga;
gowwoonnii fi raatuwwanis akkasuma ni badu;
qabeenya isaaniis warra kaaniif dhiisu.
11Isaan yoo lafa maqaa isaaniitiin waamamtu qabaatan illee,
awwaalli isaanii bara baraan mana isaanii,
dhalootaa hamma dhalootaattis iddoo boqonnaa isaanii taʼee hafa.
12Namni garuu qabeenya qabaatu illee bara dheeraa hin jiraatu;
inni akkuma bineensa duʼee baduu ti.
13Wanni namoota ofitti amanatanii fi
warra isaan duukaa buʼanii dubbii isaanii hoʼisan eeggatu kanuma.
14Isaan akkuma hoolaa duʼaaf ramadamaniiru;
duuti tiksee isaanii ti;
toloonni ganamaan isaan irratti aangoo qabaatu;
dhagni isaanii mana isaanii irraa fagaatee awwaala keessatti ni tortora;
awwaallis mana jireenya isaanii ti.
15Waaqni garuu lubbuu koo humna siiʼool jalaa baasa;
inni dhugumaan ofitti na fudhata.
16Yommuu namni tokko sooromu,
yommuu ulfinni mana isaas guddatu hin sodaatin.
17Inni yommuu duʼutti waanuma tokko illee fudhatee hin deemuutii;
ulfinni isaas isa wajjin hin dhaqu.
18Inni bara jireenya isaa lubbuu isaa eebbisu iyyuu,
yoo namoonni yeroo ati waan gaarii ofii keetii godhattutti si jajan illee,
19inni gara dhaloota abbootii isaa,
gara warra gonkumaa deebiʼanii ifa jireenyaa hin arginee ni dhaqa.
20Namni badhaadhaan hubannaa hin qabne,
akkuma bineensaa duʼee bada.
Copyright information for
GazHAHl