‏ Psalms 5

Kadhannaa Ganamaa

Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu.

1Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi;
aaduu koo illee naa hubadhu.
2Yaa mootii koo fi Waaqa ko,
iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu;
ani sin kadhadhaatii.

3Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa;
anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa;
abdiidhaanis nan eeggadha.
4Ati Waaqa hamminatti gammadu miti;
hamaanis si wajjin hin jiraatu.
5Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan.
Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;
6Ati warra soba dubbatan ni balleessita.
Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi
warra nama gowwoomsan ni xireeffata.
7Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala;
si sodaachuudhaanis gad jedhee
gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.

8Yaa Waaqayyo, sababii diinota kootiif jedhiitii
qajeelummaa keetiin na dura buʼi;
karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.
9Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu;
garaan isaanii badiisaan guutameera.
Laagaan isaanii awwaala banamaa dha;
arraba isaaniitiin ni sobu.
10Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi!
Daba isaaniitiinis haa kufan.
Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi;
isaan sitti fincilaniiruutii.
11Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan;
bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan.
Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif
ati eegumsa kee isaan irra diriirsi.

12Yaa Waaqayyo, ati qajeeltota ni eebbiftaatii;
akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.
Copyright information for GazHAHl