Psalms 52
Waan Nama Hamaa Eeggatu
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Daawit. Dooʼeeg namni biyya Edoomii yeroo gara Saaʼolii dhaqee, “Daawit gara mana Ahiimelekii dhufeera” jedhee itti himetti faarfatame. 1Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta?Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu,
maaliif guyyaa guutuu koorta?
2Ati namni nama gowwoomsitu,
arrabni kee badiisa qopheessa;
arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti.
3Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta;
dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta.
4Yaa arraba gowwoomsituu nana,
ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta.
5Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa:
Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira;
biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.
6Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan;
isaanis akkana jedhanii isatti kolfan;
7“Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin,
qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee
jalʼina ofiitti ciche!”
8Ani garuu akkuma ejersa
mana Waaqaa keessatti lalisuu ti;
baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan
hin geeddaramne sana nan amanadha.
9Sababii ati waan kana gooteef
ani bara baraan sin galateeffadha;
sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha.
Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.
Copyright information for
GazHAHl