Psalms 53
Waan Warra Waaqatti Hin Bulle Eeggatu
53:1‑6 kwf – Far 14:1‑7
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawiti. 1Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha.Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha;
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
2Waaqni yoo namni waa hubatu,
kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate
arguuf jedhee,
samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
3Hundinuu dogoggoraniiru;
hundi isaaniis xuraaʼaniiru;
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru;
tokkumti iyyuu hin jiru.
4Warri hammina hojjetan,
kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,
warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
5Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti,
sodaadhaan liqimfamaniiru.
Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa;
sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.
6Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!
Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,
Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!
Copyright information for
GazHAHl