‏ Psalms 55

Kadhannaa Yeroo Ariʼatamaa

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit.

1Yaa Waaqi, kadhannaa koo dhagaʼi;
waammata koo jalaas hin didin.
2Na dhagaʼiitii deebii naa kenni;
komiin koo na dhiphisa; anis nagaa dhabeera.
3Sagalee diinaatiin,
cunqursa namoota hamoos dhufe;
isaan dhiphina natti fiduutii;
aariidhaanis na jibbu.

4Lapheen koo na keessatti dhiphatte;
sodaan duʼaas na qabate.
5Sodaa fi hollannaan natti dhufeera;
naasuunis na fudhateera.
6Anis akkana nan jedhe;

“Utuu ani akkuma gugee qoochoo qabaadhee!
Silaa asii barrisee nan boqodhan ture.
7Silaa fagootti baqadhee
gammoojjii keessa nan bubbula ture;
8silaa bubbee hamaa fi qilleensa jabaa irraa fagaadhee
gara iddoo boqonnaa kootti nan ariifadhan ture.”

9Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi;
dubbii isaaniis waliin dhaʼi;
ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii.
10Isaan halkanii guyyaa ol baʼanii dallaa ishee irra naannaʼu;
jalʼinnii fi rakkinni ishee keessa jira.
11Ishee keessa badiisatu jira;
nama cunqursuu fi gowwoomsuun daandii ishee irraa hin dhabamu.

12Utuu diinni na arrabsee,
silaa obsuu nan dandaʼa ture;
utuu amajaajiin natti kaʼee,
silaa jalaa dhokachuu nan dandaʼa ture.
13Garuu siʼi namuma akka kootii,
hiriyaa koo, michuu koo kan natti dhiʼaatutu waan kana godhe.
14Tokkummaadhaan mana Waaqaa walii wajjin deemne;
haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne.

15Duuti tasa isaanitti haa dhufu;
utuma lubbuudhaan jiranuu siiʼool keessa haa buʼan;
hamminni mana isaaniitii fi garaa isaanii keessa jiraattii.

16Ani garuu Waaqa nan waammadha;
Waaqayyos jalaa na baasa.
17Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya;
innis sagalee koo ni dhagaʼa.
18Yoo namni baayʼeen anaan morme illee,
inni waraana natti kaʼe jalaa miidhaa malee na baasa.
19Waaqni inni durumaa jalqabee teessoo irra jiru sun,
Namoota karaa isaanii hin geeddaranne,
kanneen Waaqa hin sodaanne ni dhagaʼa;
isaan qaanessas.

20Hiriyaan koo michoota isaatti harka isaa ol fudhate;
kakuu isaa illee ni cabse.
21Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu;
garaa isaa keessa garuu lolatu jira;
dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa;
garuu goraadee luqqifamee dha.

22Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu;
inni si jiraachisa;
namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
23Yaa Waaqayyo, ati garuu
namoota hamoo boolla badiisaa keessa ni buufta;
warri dhiiga dhangalaasanii fi gowwoomsitoonni,
walakkaa bara jireenya isaanii iyyuu hin jiraatan.

Ani garuu sin amanadha.
Copyright information for GazHAHl